Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Zawdee Sirna Kabaja Ayyaana Cuuphaarratti Argamuun Ergaa Dabarsan

89

Amajjii 11/2012 - Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Zawdee sirna kabaja ayyaana cuuphaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Ayyaana magaalaa Gondoritti sirna ho'aan kabajamerratti argamuun Itiyoophiyaan hambaalee Kiliyaa UNSECO tti galmeessiste keessaa cuuphaan isaa tokko ta'ee barana galmaa'uun ayyaanicha adda isa taasisa jedhan Pirezidaant Saahilawarqi Zawdee.

Itiyoophiyaan hambaalee kiliyaa addunyaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti galmeessifte keessaa ayyaanni Cuuphaa isa tokkodha.

Ayyaanni cuuphaa galmee kanarratti beekkamtii argachuun isaa Itiyoophiyaan hambaalee Kiliyaa 4 galmee Addunyaa kanarratti galmeessisuun lammiilee addunyaan akka beekamtu gargaara jedhan.

Ayyaanichi yaadannoo cuuphaa Iyyasuus Kiristoos Galiilaarraa gara laga Yoordaanoos bu'ee Yoohaannis Cuuphaan kan itti cuuphame yaadachuuf waggaa waggaadhan Amajjii 11 kabajamee oola.

Itiyoophiyaan hanga ammaatti hambaalee 14 galmee addunyaa kanarratti galmeessisuu ishee Pirezidaantiin RDFI Saahilawarqi Zawdee kan dubbatan. OBN tu gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015