Jilli Garee Mari’attoota Hidha Haaromsaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif Ibsa Taasise

61

Finfinnee Amajjii 10/2012 (TOI) – Jilli garee Itiyoophiyaa dhimma hidha haaromsaa ilaalchisuun Waashiingiteen Diisiitti marii taasise adeemsa waliigalaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahmadiif ibsa taasiseera.

Ministiroonni dhimmi alaa biyyoota sadanii, ministiroonni qabeenya bishaanii fi jilli isaanii dhimmi hidha haaromsaarratti dhihoo kana Waashiingiteen Diisiitti marii taasisuunsaanii ni yaadatama.

Ministirri maallaqaa Ameerikaa Isteeven Munshiin fi pirezidaantiin baankii addunyaa Deeviid Malpaas taajjabdoota  ta’uun waltajjicharratti hirmaataniiru.

Mariiwwan amma ammaatti taasifamaniin biyyoonni sadan yaada garaagarummaa kaasaa turan ilaalchisee qabxiilee fayyadamummaa waliiniitiin hiikuu dandeessisan irratti mari’atanii waliigalteerra ga’uusaanii ibsuun isaanii ni yaadatama.

Jilli marii kanarratti hirmaate injifannoowwan argamanii fi adeemsa itti aanu ilaalchisuun har’a ministira muummeef ibsa taasiseera.

Ministirri Bishaanii, jallisii fi elektiriikaa Dr. Injiinar Silashii Baqqalaa ibsa kanarratti akka jedhanitti, biyyoonni kunneen marii taasisaniin garaagarummaa hidha haaromsaarratti qaban dhiphisuun danda’ameera.

“Marii Kanaan hawaasni addunyaa odeeffannoowwan dogoggoraa hidha haaromsaa ilaalchisee tamsa’aa jiran akka hubatu taasisifameera” jechuun dubbataniiru.

Hidhi kun biyyoota yaa’a gara gadii irratti miidhaa osoo hin geessisiin akkasumas faayidaa Itiyoophiyaa osoo hin miidhiin bishaan guutuu fi anniisaa maddisiisuun akkaataa itti raawwatamu qabu walii galtee irra ga’ame ministira muummeef ibsaniiru.

Baatiiwwan Adoolessaa fi Hagayyaa bishaan akka guutamu sababni filatamaniif baatiiwwan kanneenitti lagni Abbayyaa bishaan guddaa waan qabuuf filatamuusaa  ibsameera.

Walii galteen teekiniikaa biyyoonni sadan irra ga’an gara seera qabeessaatti ceesisuuf garee namoota sagaliin hundeeffamuutti kan hirmaatan namoonni sadii filatamuusaanii ministirichi yaadataniiru.

Itiyoohiyaa, Sudaanii fi Gibxi seera gareen kun raggaasu mallatteessuu fi adeemsa marichaa xumuruuf A.L.Atti Amajjii 28 fi 29 Waashiingiteen Diisiitti wal arguuf Beellama qabachuunsaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015