Jala Bultiin Ayyaana Cuuphaa Guutuu Itiyoophiyaatti Kabajamaa jira

102

Amajjii 10/2012 (TOI) - Jaal bultiin ayyaana cuuphaa amantoota Ortodoksii Itiyoophiyaatiin guyyaa har’aa kabajamaa jira.

Taabotoonni bataskaanotarraa ba’anii gara bultii isaanii geeffamaniiru.

Mntoonni, daaqonoonni, faarfattoonni taabota dabaalanii gara bultii isaaniitti geeffamaniiru.

Ayyaanni kun keessumaa Gondoritti haala adda ta’een kan kabajamu yoo ta’u, amantootaan alattis dawattoonni biyyoota addaddaa bakkatti argamaniiru.

Pirezidaant Saahilawarq Zawudee, giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa dabalatee keessummoonni kabajaa addaddaa fi jilli garee Ertiraa ayyanicharratti hirmaachuuf Gondor dhaqaniiru.

Abbootiin Gaamoos ayyanicharratti hirmaachuuf Gondor dhaqaniiru.

Ayyaana jala bultii Finfinnee Jaalmeedaatti kabajamurratti ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaa, daawwattoonnii fi keessummoonni waamichi taasifameef ni hirmaatu.

‘UNESCO’n kabaja ayyaana cuuphaa galmeessuuf galmeessuuf murtee dabarsuunsaa ni yaadatama.

Ayyaana kana sirna miidhagaan kabajuuf dargaggoonni waggaa waggaan daandii kan miidhagsan yoo ta’u, bara kanas Finfinnee dabalatee naannolee biyyattii hundi caalaatti miidhagsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015