Gumiin Dagaagina Afaan, Aadaa, Aartii fi Seenaa Oromoo Hundeeffame

636

Amajji 8/2012 (TOI) - Yuunivarsiitii naannoo Oromiyaatti gumiin dagaagina afaan, aadaa, aartii fi seenaa Oromoo (GDAAASO) hundeeffamuun himame.

Inistiituutii qorannoo afaan, aadaa fi aartii Oromoo Yuunvarsiitii naannoo Oromiyaatiin kan qindaa’e wixineen hundeeffamaa kan dhiyaate yoo ta’u, barbaachisummaa, kaayyoo, ergamaa fi mul’ata akkasumas dambiin ittiin bulmaata gumichaa ibsamee hawaasni Yuunivarsiitichaa miseensa ta’uun gumicha cimsuu akka qaban waamichi dhihaateera.

 Barbaachisummaa gumii dagaagina afaan, aadaa, aartiifi seenaa Oromoo Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa gaafa hundaa’u ergama bal’aa qabatee waa’ee afaan, aadaa, duudhaa fi falaasama Oromoo, barsiisuu, qorachuu, kuusuu fi kunuunsuu, walumaagalatti, handhuura qorannoo fi qo’annoo Oromoo ta’ee akka saba Oromoo tajaajilu fuuldureen lafa kaa’amee hundeeffame.

Gumiin barattootaa dhimmoota Oromoo fi Oromummaa irratti hojjatu hanga ammaatti Yuunivarsiticha keessa akka hin turre himame.

Haaluma kanaan, barattoonni godinaalee Oromiyaa fi naannoolee adda addaa irraa dhufan aadaawwan bakka irraa dhufanii akka walirraa barataniif, jiloota adda addaa irratti aadaa fi duudhaa Oromoo akka agarsiisaniif, waarii aartii qopheessanii hawaasa yuunivarsiitichaa booharsaa akka barsiisaniif, barattoonni kalaqa addaa qaban qaramanii akka bahaniif, barattoota afaan Oromoo hin beekne afaanicha barsiisuuf, gumii  kana hundeessuun barbaachisaa fi murteessaa ta’uun beekame.

Gumiin kun afaan, aadaa, duudhaa, seenaa fi falaasama Oromoo guddisuu fi dagaagsuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Gumii kana jalatti gareewwan afaan, aadaa, aartiifi seenaa Oromoo hundaa’uudhaan barattoonni akkuma dandeettii isaanitti akka hirmaatan ragaan biiroo dhimmoota koomunikeeshinii oromiyaa beekisise.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015