Itiyoo Teeleekoom ji'oota ja’an darbanitti galii birrii biiliyoona 22 ol argate

56

Finfinnee, Amajjii 6/2012 /TOI/ Itiyoo Telekoom ji'oota ja’an darbanitti galii birrii biiliyoona 22 tuqaa 4 argachuu isaa beeksise.  

Itiyoo Teeleekoom raawwii ji'oota ja'an darbanii ilaalchisuun hari'a ibsa miidiyaaleef laate jira. 

Hojii Raawwachiiftuun Itiyoo Teeleekoom Firehiwoot Taammiruu akka jedhanitti babal'ina tajaajilaa fi qulqullina neetwoorkii dabaluuf hojiileen fooyya'insaa hojjetamuus ibsaniiru.

Ji'oottan ja’an darbanitti qarshiin biiliyoona 22 tuqaa 4 galii argachuun karoora isaa dhibbeentaa 104 milkeesseera.

Itiyoo Teeleekoom bara kana mootummaaf taaksii birrii biiliyoona 3 tuqaa 89 kan kanfale ta'uus dubbataniiru.  

Galiin bara kanaas bara bajataa darbe waliin wal bira qabamee yoo ilaallamu, dhibbeentaa 32 guddina agarsiisuu isaas addee Firehiwoot ibsaniiru.   

Kana malees tajaajilawwan sharafa alaa argamsiisaan irraa Doolarri Ameerikaa miiliyoonni 73 argamuus eeraniiru.   

Baay'inni maamiltootaas gara miiliyoona 45 tuqaa 6 ol guddachuu isaa dubbataniiru.      

Galiin galmaa'e kun sagalee moobaayili irraa dhibbeentaa 50 tuqaa 4, daataa fi intarneeti irraa dhibbeentaa 27 tuqaa 3, galii daldala biyyoolessaarraa dhibbeentaa 9 tuqaa 8, tajaajilawwan adda addaa irraa dhibbeentaa 11 tuqaa 5 kan walitti qabame ta’uus hoji raawwachiistuun kun ibsaniiru.           

Dhaabbatichi tajaajila teeleekoomii maamiltootasaaf kennuu dabalatee, dhimmoota biyyaa faayidaa ummataa kennan irratti hirmaachuun itti gafatamummaa hawaasummaasaa ba’achaa akka jirus eeraniiru.      

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015