Sababa xiyyaara Yukireen rukutameen namootni hedduu hidhaman

100

Amajjii 05/2012 /TOI/ Xiyyaarri geejjibaa Yukireen doggogoraan erga qilleensarratti misaa'eliin rukutamee kufee booda namoonni hedduu Iraan keessatti to'annoo jala ooluu isaanii manni murtii biyyittii beeksiseera.  

Dubbii Himaan Golamhoseen Esmayili balaa kanarratti qorannoon gaggeefamu itti fufeera jedhanis odeeffannoo dabalataa hin kennine.  

Dhimmi kun 'mana murtii addaan' akka hordofamu Pireesdaant Hasan Rohaanii dubbataniiru.

Xiyyaarri Daandii Qilleensaa Yukireen balaliin PS752 Roobii darbe akkuma lafaa ka'ee xiqqoo balali’een  rukutamee kufee, namoonni keessa turan 176 hundi du'aniiru.

Baayyeen isaanii lammilee Iraanii fi Kaanadaa kan turan ta'un kan yaadatamuu dha.

Balaan kun erga uumamee booda guyyaa sadiif, humni waraanaashee xiyyaara kana akka hin rukutne haaluun Iraan rakkoo teeknikaati jechuun waakkachaa turte.

Ragaan baayyachaa akka deemeen garuu warannii eegumsa warraaqsa Iraan xiyyaarichi kan Ameerikaa itti fakkaatee akka rukutan amananiiru.

Pireezdaant Rohaanii taatee kanaaf baleessaan kan nama misaa'elicha 'dhukaasee' tokko qofaa akka hin taane hubachiisaniiru.  

Pireezidaant Doonald Tiraamp afaan Ingiliizii fi Faransaayiin Tiwiitarasaaniirratti akkas jechuun maxxansaniiru: “ Lammiilee Iraan goototaafi rakkachaa jiraniif Ani ergan pireezidaantii ta'ee muudame isin wajjiin dhaabbachuu eegalee, mootummaan kiyyaa ammaallee isin wajjiin jira.”

" Mormii keessan dhiheenyatti hordofaa jirra. Kaka'uumsi keessaan nama ajaa'iba."

Ministirri Hajaa Alaa Maayik Poompiyoon Tiwiitarasaaniirratti viidiyoo lammii Iraan hiriiranirratti akkas jedhanii maxxansaniiru: "Sagaleen lammiilee Iraan ifa.  

Isaaniis soba sirnichaan, malaammaltummaan, dadhabbii raawwachiisummaanii fi gara jabeenyummaan laaqameen hedduu nuffaniiru.

Nutis lammiilee Iraan jireenya kanarraa fooyyee qabu akka jiraataniif isaan cinaa ni dhaabbanna." Jechuu isaanii BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015