Konkolaataan Kilaashii 52 Fe'ee Finfinnee Seenuuf Ture Magaalaa Sabbataatti Qabame

72

Amajjii 4/2012 /TOI/ - Konkolaataan Kilaashii 52 fe'ee Finfinnee seenuuf ture magaalaa Sabbataatti qabame

Konkolaatichi Boongaarraa meeshaa waraanichaa fe’ee gara magaalaa Finfinnee osoo imaluu to’annoo jala ooleera.

Konkolaataan Aysuuzuu lakkoofsi gabatee A.A 373590 ta’e meeshaa waraanaa fe’e osoo imalaa jiruu, eeruu ummataa fi qaamolee nageenyaan to’atamuusaa qajeelchi Poolisii magaalaa Sabbataa beeksiseera.

Dhimmicha irrattis qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ragaan Waajjira Komunikeeshinii Magaalaa Sabbataa irraa arganne ni mul'isa jechun kan gabaase BDhKMNOti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015