Pirezidaantiin Jibuutii Baankii Daldala Itiyoophiyaa Damee Jibuutii Banan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Jibuutii Baankii Daldala Itiyoophiyaa Damee Jibuutii Banan
Amajji 04/2012 (TOI) - Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa'eel Omar Giilee, baankii daldala Itiyoophiyaa damee Jibuutii kaleessa eebbisanii banan.
Sirna eebbaa kanarratti pirezidaantiin Jibuutii Ismaa'eel Omar Giilee, pirezidaantii baankiichaa obbo Baacaa Giinaa fi Ambaasaddar Abdulaziiz Mahaammadiin dabalatee hoggantoonni baankichaa biroon argamaniiru.
Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa'eel Omar Giilee sirna eebbaa kanarratti Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa dameesaa Jibutiitti banachuun isaa hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf ga’ee guddaa qaba jedhan.
Lammiileen Itiyoophiyaa Jibuutiitti hojiilee Investimantii irratti hirmaatanii jiran tajaajila baankii guutuu ta'e akka argataniifis gargaara jedhan.
Pirezidaantiin baankii daldala Itiyoophiyaa obbo Baacaa Giinaa gama isaaniin, dameen Kun Jibuutitti banamuun isaa hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii cimsa.
Galii biyyattiin biyyoota alaatti erguu fi galchuun argattu fooyyassas jedhan.