Godina Baaleetti Duulli Raabsaa Qoricha Dhibee Ija Jaamsuu Kennamuu Jalqabe

126

Baalee Amajjii 1/2012 /TOI/ - Godina Baaleetti Duulli qindaawaa raabsaa qoricha dhibee ija jaamsuu sadarkaa hawaasaatti kennamu har’a jalqabamuusaa Waajjirri Eeggumsa Fayyaa Godinichaa beeksise.

Tajaajila Duulaa kanaan jiraattota godinichaa aanaalee 18 Miiliyoonni 1 tuqaa 8 ol fayyadamoo taasisuuf akka karoorfames himameera.  

Waajjirichatti Qindeessaan Sagantaa Ittisaa fi To’annoo Dhibeelee Xiyyeeffannoo barbaadanii Obbo Muhaammad Saanii akka jedhanitti qorannoon dhibee ija jaamsuun wal qabatee akka biyyaatti gaggeeffame akka ibsutti hawaasa jiran keessaa dhibbeentaan 40 dhibee kanaaf saaxilamoo dha.  

Rakkoo kana furuudhaafis godinichatti duulli raabsaa qorichaa dhibee ija jaamsuu guyyaa har'aa irraa jalqabee guyyoota torban walitti aananiif kan kennamu ta’uus dubbatan.  

Duulli raabsaa qorichaa marsaa 4ffaaf kennamu kun buufataalee Fayyaa, Keellaa Fayyaa fi iddoolee tajaajila kanaaf mijeeffametti hawaasa umriin osoo hin daangeessine kan kennamu ta’uus dubbataniiru.

Sababoota dhibee kanaaf nama saaxilan keessaa hanqinaalee qulqullina dhuunfaa fi naannoo ofii eeggachuu dhabuun isaan ijoo akka ta’es himaniiru.

Dhibeen kun yaala kan hin arganne yoo ta’e jaamsuu waan danda’uuf hawaasni qulqullina dhuunfaa fi naannoo eeguudhaan cinaatti qoricha ogeessota fayyaatiin naannoo isaaniitti kennamu fudhachuu akka qaban dhaamaniiru.

Jiraattota Godina Baalee Aanaa Gobbaa tajaajila kanatti fayyadaman keessaa Obbo Hasan Aliyyii yaada kennaniin dhiibbaa dhibeen ija jaamsu namarraan gahu karaa ekisteenshinoota fayyaa naannoo isaaniitti ramadamaniin kennameef irraa waan hubataniif maatiin isaanii dawaa kana akka fudhatan taasisuu isaanii dubbataniiru.

Namoonni biraatis miidhaa dhibeen kun namarraan gahu ilaalcha keessa galchuun maatii ofii dawaa kana akka fudhachiisan dhaamaniiru.  

Godinni Baalee Godinaalee Oromiyaa Dhibeen ija jaamsu (Tiraakoomaa) bal’inaan keessatti kan argamu ta'u ragaan Waajjira Eeggumsa Fayyaa Godinichaa irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015