Godina Baaleetti Hoomaa Hawaannisaa Ittisuuf Qorichi Xiyyaaraan Biifamaa Jira

148

Gobbaa Amajjii 1/2012 /TOI/ - Godina Baaleetti hoomaa Hawwaannisaa muldhate ittisuuf qorichi xiyyaaraan bifamaa kan jiru ta'uu waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksiseera.    

Waajjirichatti abbaan adeemsa eegumsa callaa obbo Damee Hundee Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti hoommaan Hawwaanisaa kun godina Baalee aanaalee garaagaraa keessatti mudateera.   

Hoganaan kun akka jedhanitti ummatni aanaalee kanneen keessa jiran karaa mala aadaan aara aarsuu fi maloota biroon kan of irraa dhorkaa jiran ta’uu himanii, oomisha karaa hin miineen qorichi biifamaa jiraachuus dubbataniiru.  

Aanaalee hoomaan kun baayyinnaan keessatti argamu keessaas aanaa Saweenaa, Madda Walaabuu, Haarannaa, Gooroo, Gindhiirii fi aanaan Raayituu keessatti argamu. 

Hojiin qoricha biifuu kanas torban kana irraa eegalee gaggeeffamaa kan jiru ta'uu ibsaniiru.

Hanga yoonaatiis hoomaa Hawaannisaa kana balleessuuf qorichi liitiriin 500 bifamuu isaa obbo Dameen dubbataniiru.  

Ummatni Godinichaas hoomaa kana ittisuuf ga'ee isaa ba'achaa kan jiru ta'uun himameera.

Qonnaan bulaan aanaa Dalloo mannaa obbo Malkaa Amaanaa yaada isaanii yeroo kennan akka jedhanitti hoomaa hawaannisaa naannoo isaaniitti mudate kana ittisuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.     

Midhaan isaanii irras miidhaan tokkoo illee osoo hin ga’iin hoomaa hawaannisaa kana ari’uuf ummata naannoo isaanii waliin ta'uun mala aadaan hoomaa kana ittisuu irratti akka argamanis dubbataniiru.      

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015