Paartiin Badhaadhinaa ``Utubaan Irra Dhaabate Federaalizimii Kan Eeguu Fi Kunuunsudha``….Obbo Nugusuu Xilaahuun

59

Amajjii 1/2012(TOI) - Paartiin badhaadhinaa ``utubaan irra dhaabate federaalizimii kan eeguu fi kunuunsu dha`` jechuun itti gaafatamaa waajjirra pirees sekireeteriyaatii muummicha ministiraa  obb Nugusuu Xilaahuun ibsan.

Obbo Nugusuun torban kana akka ibsanitti, galmi paartii badhaadhinaa haala siyaasaa, hawaasaa, dinagdee, aadaa fi xiinsammuu Itiyoophiyaanotaa hammatuun badhaadhina gama hundaanti.Duudhaa badhaadhinaa jedhamanii kan eeraman tokkummaa, kabajaa fi bilisummaa lammiilee ta’uu  ibsaniiru.

Akka ibsa obbo Xilaahuunitti “Itiyoophiyaan sirna humnaan tokkoomsuu akka hin deebinetti ofirraa gaggeessiteetti. Sirna akka sanaa kana booda hin yaadamu.”

Biyyattiin waggoota darbaniif adeemsa warraaqsa demokiraasiin  gaggeeffamaa akka turte yaadatanii, wayitii kana duudhaalee dabde deebisuun  gaarii irraa argame immoo itti fufsiisuun barbaachisaadha.

Sirna federaalaa diiguun  humnaan tokkoomsuun kan hin yaadamne ta’uu eeranii,  humnaan tokkoomsuun sab daneessummaa balleessuu ta’uu himaniiru.

Badhaadhina biyyoolessaa mirkaneessuu fi sirna federaalizimii dhugaa ijaaruuf tokkummaa cimsuun barbaachisaa dha jedhan.

Tokkummaan /sab daneessummaan amala dhala namaarraa ka’uun gara amala biyyummaatti kan guddatu dha jechuun eeran.

Badhaadhinni, Itiyoophiyaa keessatti afaanota, aadaalee fi eenyummaa hordofuun gaaffilee ka’aniif deebii qajeelaan waan hin kennamneef gaaffii ta’ee kan ka’ee fi ajandaa qabsoo akka ta’e hubachiisaniiru.

Paartiin badhaadhinaa kabaja lammiilee kan mirkaneessu ta’uu himanii, Itiyoophiyaanonni sirna mirgi dhuunfaa fi garee itti  kabajamuuf,  cunqursaan dhuunfaa fi garee kan itti dhabamu akka diriirsu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015