Qorannoon Qonna Sinaanaa Sanyiilee Fooyya’oo Kudraa Fi Mudraa Qilleensa Gammoojjiif Mijatoo Ta’aniin Wal Barsiisaa Jira

141

Amajjii 01/2012 (TOI) - Qorannoon qonna Sinaanaa sanyiilee fooyya’oo kudraa fi mudraa qilleensa gammoojjiif mijatoo ta’aniin wal barsiisaa akka jiru horsiisee bultoonni aanaalee Dalloo manna fi Harannaa himan.

Qorannoon qonna Sinaanaa gama isaatiin hojiilee qorannoo qilleensa baddaa fi badda daree irratti daangahee ture gara gammoojjii akka babbal’ataniif hojjachaan jira jedhe.

Jiddu galichi aanaalee gammoojjii afur keessatti sanyii fooyya'aa muuzii, maangoo, boqqolloo, bunaa fi nyaata loonii jiddu galeessota qorannoo gara garaatiin bahanii fi kanneen qorattoota isaaniitiin madhaqan oyruu horsiisee bultoota adda duree 130f kennee haala isaanii hordofaa akka jiru himame.

Horsiisee bultoota yaada keennan keessaa obbo Huseen Aliif Ibraahim Aliyyii akka jedhanitti kanaan dura jallisii naannoo isaanii irratti diriirerratti sanyii kudraa fi mudraa naannoo qofa waan fayyadamaniif hanga dhamaatii isaanii argachaa hin turre.

Akka horsiisee bultoonni jedhanitti keessattuu muuziin jiddu galeessichi  kenneef kan duraanii caala dafee gahuu fi calla guddaa kennu akka danda’u qabatamaan argaa waan jiraniif oyruu isaanii irratti babbal’isaa akka jiran dubbatu.

Qamadii kan oomishan obbo Muhaammad Huseen gama isaaniitiin Qamadii sanyii filatamaa fayyadamuudhaan kanaan dura heektaararraa kuntaala 15 oomishaa kan turan amma sanyii filatamaa fayyadamuudhaan hanga kuntaala 50 oomishaa akka jiran dubbatu.

Jiddu galeessichatti qorataan kunuunsa bishaan jallisii obbo Nagaash Badhaasoo gama isaaniitiin jiddu galeesichi qorannoo isaa naannoo baddaa qofarratti daangahee ture aanaalee gammoojjii tajaajila jallisii qaban afur keessatti kudraa fi mudraa irratti hojjachaa jira jedhan.

Sanyiilee fooyya’oo tahan kunniin qorannoo qonna gara garaa irraa bahanii fi haarawa qoratamaa jiran kunniin haala qilleensa naannootiin akka walitti madhaqaniif hordoffiin cimaan akka godhamus himan.

Akka obbo nagaash jedhanitti muuziin akkakuu gara garaa qorannoo qonna malkaasaa irraa bahe qilleensa naannoo gammoojjii kanaan walbaruun isaa waan mirkanaaheef horsiisee bultootaaf dabarfamee oomishaa jiran calla gaarii akka kenneef dubbatan.

Akkasumas bunni qorannoo qonnaa machaaraa fi Jimma irraa bahan mookkaa fi deessuu jedhaman kanneen heektaara irraa hanga kuntaala 17 argamsiisan horsiisee bulaan gahuuf yaalii dhumaa irratti kan argaman ta’uu himan.

Daarektarri qorannoo qonna Sinaanaa obbo Muhammad Bariisoo gama isaaniitiin jiddu galeessichi hojiilee qorannoo naannoo baddaa fi badda daree irratti daangahee ture gara gammoojjiittis akka babbal’ataniif hojjachaa jirra jedhan.

Yeroo ammaas sanyii midhaanii irratti qorannoo geggeessuun cinaatti kudraalee fi mudraalee haala qilleensa gammoojiif mijatoo ta’an kanneen akka muuzaa, buna, nyaata beeladaa irratti gaggeessaa jirra jedhan.

Akka obbo Muhammad jedhanitti jiddu galeesichi xiyyeefannoo sanyiilee haaraa baasuun omishaa fi omishtummaa qonnaa fi horsiisee bulaa dabaluuf waggaa dabre qofa sanyii fooyya’oo midhaanii fi mi’eessituu 10 fayyadamtootaaf baasuu isaa agarsiiftuu kanaati jedhan.

Jiddu galeessi qorannoo qonna sinaanaa bara 1978tti ALI kan hundaahe yoo tahu hanga ammaatti bu’aalee qorannoo gara garaa 78 ta’an qorannoon baasee fayyadamtoota biraan gahuu isaa ragaan jiddu galeesicharra argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015