Ji’oota 6 Keessatti Bu’uraalee Misoomaa Telekoom Irratti Miidhaan Birrii Miiliyoona 100tti Tilmaamamu Ga’eera

66

Mudde 30/2012(TOI) - Ji’oota 6n darban  keessat bu’uraalee misoomaa telekoom irratti miidhaan Birrii miiliyoona 100tti tilmaamamu ga’uusaa Itiyoo telekoom beeksise.

Itiyoo telekoom balaa bu’uraalee misoomaa irra ga’aa jiru ittisuuf Finfinneetti qaama ilaallatu waliin mari’ataa jira.

Waltajjicharratti walakkaa bara bajataa 2012tti qofa bu’uraalee misoomaa 547 ta’an irratti balaan ga’aa waan jiruuf, kanaaf qabeenya biyyaa Birrii miiliyoona 100 tti tilmaamamu miidhamuun isaa ibsameera.


Hanni koppar keebilii, hubannoon gadi aanaan ummanni eegumsa bu’uraalee misoomaa telekomiif qabu, warra badii geessisan irratti adabbii barsiisaa ta’e adabuu dhabuun miidhaa kanaaf sababa jedhan.


Hoji-gaggeessituu olaanaa Itiyoo telekoom adde Firehiwoot Taammiruu maricharratti akka ibsanitti, tajaajilli telekoom  guddina hunda galeessa biyya tokkoo fi sochii lammiilee guyyaa guyyaatiif ga’ee olaanaa qaba.

Kanaaf ummanni tajaajila addaan hin cicinnee fi qulqullina qabu argachuuf qabeenyi mootummaa fi ummataa sharafa biyya alaa olaanaan bitamanii waan diriirfamaniif balaa nam-tolchee fi umamaa ga’u akka ittisuuf waamicha dhiyeessaniiru adde Firihiwoot.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015