Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad magaalaa Yaa’a Bal’oo galan

144

Muddee 27/2012 /TOI/  Jilli Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimadiin duurfamu godina Booranaa magaalaa Yaa’a Bal’oo galaniiru.

Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad, itti aanaa pireezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi ministirri Bishaanii fi Inaarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa Yaa'a Bal'oo galaniiru.

Wayita magaalaa Yaa’a Bal’oo ga’anitti jaarsoliin biyyaa fi jiraattonni magaalaa Yaa’a Bal’oo simannaa ho’aan taasisaniifiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad turtii isaanii Yaa'a Bal'ootin hawaasa Booranaa waliin ni mari'atu jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015