Meeshaan Saffisa Konkolaataa To'atu Konkolaattoota Irratti Maxxanffammaa Jira

55

Mudde 24/2012 /TOI/ - Meeshaan saffisa konkolaataa to'atu konkolaattoota kuma 2 irratti maxxanfamuu isaa abbaan Taayitaa Geejibaa Federaalaa beeksise.

Balaa konkolaataa yeroo ammaa dabalaa jiru to'achuuf meeshaaleen teekinoloojii garaagaraa hojii irra oolaa kan jiran ta'uunis beekameera.    

Abbaa taayitichaatti dameen Geejibaa seeroota haaraa ba'an irratti fi ga'ee miidiyaa irratti marii taasisaa kan jiru ta'uun himameera.  

Mariin kunis kaleessa magaalaa Adaamaatti kan eegale yoo ta'u, Guyyaa har'aas itti fufee gaggeeffamaa jira.

Marii kana irratti kan argaman abbaa Taayitichaatti itti aanaan daarektaraa obbo Mitikuu Asmaaraa akka jedhanitti balaa tiraafikaa yeroo ammaa jiru kana hir'isuuf karaa miidiyaalee garaagaraa ummata barsiisuun itti fufee jira jedhaniiru.

Biyyattiitti bara 2005 irra eegalee waggoota itti aanan 5 keessatti balaa tiraafikaan namootni kumni 25 lubbuun kan darban ta'uu ibsaniiru.

Balaa mudatan kanaafis sababni dhibbeentaan 85 ol saffisaan konkolaachisu akka ta'es himaniiru.

Balaa kana hir'isuufis bara darbe irraa eegalee meeshaan saffisa konkolaataa to'atu konkolaattota irratti maxxanfammaa jiraachuu dubbataniiru.

Seerri kun erga hojii irra oolee calqabees konkolaattota balaa ni uumuu jedhamanii adda ba'an irratti meeshaa kana maxxansuun kan itti fufe ta'uu himaniiru.

Konkolaattonni meeshaan kun irratti maxxanfamus ta'e dhaabbileen waan kana raawwatan 15 kan filaman ta'uus dubbatniiru.

Haala kannaanis hanga yoonaatti konkolaataa kuma 2 fi 400 irratti meeshaan kun maxxanfamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015