Godina Wallagga Bahaatti Galiin Karooraa Ol Sassaabame

138

Naqamte Mudde 23/2012 (TOI) - Godina Wallagga Bahaatti ji’oota 5 darbanitti galiin karooraa ol funaanamuu isaa abbaan taayitaa galiiwwanii godinichaa beeksise.

Gibira haalaan kaffaluun faayidaa biyyaaf qabu hubachuun gibira isaanii haalaan kaffalaa akka jiran kaffaltoonni gibiraa magaalaa Naqamtee dubbatan.

Itti gaafatan abbaa taayitaa galiiwwanii godinichaa obbo Mokonnoon Dimsaa akka jedhanitti, gibira haalaan sassaabuun guddina biyyaa fi dinagdee ariifachiisuuf faayidaa guddaa qaba.

Kanaaf aadaa kaffaltii fi sassaabbi gibiraa malaammaltummaa irraa bilisa  taasisuun murteessaa dha.

Bara bajataa kanatti godinichatti Birrii miiliyoona 434 tuqaa 4 ol sassaabuuf karoorfamee hojiitti kan galame yoo ta’u, ji’oota shanan darban qofa  Birrii miiliyoona 195 tuqaa 3 ol sassaabameera.

Galiin sassaabame kun kan waggaa darbe yeroo walfakkaataan yoo madaalamu Birrii miiliyoona 22 tuqaa 3 ol caalmaa qaba.

Gibirrii fi Taaksiin sassaabame galii idilee fi galii mana qopheessaarraa yoo ta’u, gibira lafa qonnaa qonnaan bulaarraa, taaksii kallattii fi alkallattiin, mana kiraa fi kanneen biroorraas ta’uu hubachiisaniiru.

Gibira ilaalchisee abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, daldalaa, dargaggootaa fi kutaaleen ummataa garaagaraa waliin marii taasifameen sassaabbi gibiraa bu’a-qabeessa taasiseera jedhan.

Yaada isaanii TOIf kan kennan kaffaltoonni gibiraa, gibira seeraanii fi yeroon kaffaluun guddina biyyaa fi dhaloota dhufuuf yaaduu dha jechuun ibsan.

Magaalaa Naqamteetti hojii daldala shagaxaa irratti daldaltoota bobba’an keessaa obbo Dachaasaa Guduraa akka jedhanitti, gibira kaffaluun dirqama lammummaa ba’uu qofa otoo hin ta’iin biyya guddisuuf faayidaa akka qabu hubachuun  gibira kaffalaan jiraa jedhan.

Gibiraa fi Taaksii yeroon kaffaluun kaffalaa gibiraaf wabii ta’uurra darbee mootummaa fi kaffalaa gibiraa gidduu walii galtee gaarii uuma jedhan.

Magaaluma kanatti horsiisa beeladaarratti kan bobba’an obbo Alamaayyoo Tolasaa ``magaalichatti gaaffii misoomaa ummanni kaasu deebisuuf gibira haalaan sassaabamuu qaba`` jedhan.

Gama gibira haalaan kaffaluun dirqama isaanii ba’uuf yaalaa akka jiran eeraniiru.

 “Gaaffilee bu’uraalee misoomaa  garagaraa ummanni gaafatu furmaata kan argatu mootummaan galii sassaabuun akka ta’e hubachuun hunduu gibira isaa haalaan kaffaluu qaba `` kan jedhan immoo dhuunfaa isaaniin hojii herregaa irratti  kan bobba’an obbo Mulugeetaa Asaffaa dha.

Mootummaan gargaarsa alaa akka hin eegneef lammiin kamuu ofittummaa dhiisee gibira haalaa fi yeroon kaffaluu akka qabu eeraniiru obbo Mulugeetaan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015