Manni Maree Yakka Shororkeessummaa Ittisuu Fi To’achuuf Wixinee Labsii Dhiyaate Raggaase - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Yakka Shororkeessummaa Ittisuu Fi To’achuuf Wixinee Labsii Dhiyaate Raggaase
Finfinnee Mudde 23/2012(TOI) - Manni maree bakka bu’oota ummataa yakka Shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf wiixinee labsii dhiyaate raggaase
Manni marichaa bara hojii 5ffaa walga’ii idilee 8ffaa adeemsisaa jira.
Walga’ichaan ajandaan jalqabaa kan ta’e manni maree bakka bu’ootaa dhimmoota seera, haqaa fi dimokiraasii yakka shororkeessummaa ittisuu fi to’achuuf wiixinee labsii dhiyaate ilaalchisee gabaasaa fi yaada murtii dhiyaate qoratee wiixinee labsichaa raggaasuu dha.
Haala kanaan miseensonni mana maree wiixinee labsichaarratti erga mari’atanii booda labsicha dhorka sagalee tokkoo fi sagalee caalmaan raggaasisaniiru.
Wiixineen labsichaa 1176/2012 kan jedhuun kan ragga’e yoo ta’u, kanaan dura farra shororkeessummaa labsii lakkoofsa 652/2001n kan bakka bu’udha.
Labsichi ji’a Caamsaa bara 2010 eegalee fooyya’insi kan itti taasifamaa ture yoo ta’u, labsiin kun utuu hin ragga’iin dura qaama ilaallatu waliin marii bal’aan irratti adeemsifamaa akka ture kan yaadatamu dha.
Manni maree bakka bu’ootaa walga’ii idilee isaa har’aan wiixinee labsiwwan biroo 6 qoratee koreewwan dhaabbii ilaallatuuf ni dabarsa jedhamee eegama.