Balaa Konkolaataa Aanaa Gimbiitti Mudateen Lubbuun Namoota 13 Darbuu Poolisiin Beeksise

122

Finfinnee Muddee 22/2012 (TOI) - Balaa konkolaataa godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbiitti mudateen lubbuun namoota 13 darbuu poolisiin beeksise.

Balaan tiraafikaa kun har’a naannawa sa’aatii 5:00tti kan mudate dha.

Aanicha ganda Joobir jedhamutti Konkolaataan deddeebisa ummataa ‘Doolfiinii’ jedhamu koodii 3 ORO lakkoofsa gabatee 42548 Naqamteerra gara Gimbii imalaa ture, konkolaataa fe’iinsaa ET koodi 3 lakkoofsa gabatee isaa 58995 imalaa ture waliin walitti bu'uun mudate.  

Qajeelcha poolisii aanichaatti ajajaan divijinii tiraafikaa saajin Gaadisaa Asaffaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti balaa kannaan lubbuun namoota 12 battalumatti yeroo darbu 1 immoo hoospitaala Adveentiistii Gimbitti osoo yaalamaa jiru lubbuun darbee jira jedhaniiru.

Namoota lubbuun darban kana keessaa 10 dhiroota yemmu ta'an kan hafan immoo dubarttootaa fi konkolaachisaan akkasumas gargaaraan konkolaachisaa battalatti  lubbuun isaanii darbee jira.

Namoonni 8 miidhaa cimaan irra gahe yeroo ammaa Hospitaala Gimbiitti yaalamaa jiraachuu ibsaniiru.

Namoota 8 kana keessaa namni sadii haala yaadessaa keessa kan jiran ta'uun himameera.

Konkolaachisaan konkolaataa fe'iinsaa harka kan kenne yoo ta'u, sakkata'insi irratti kan eegalame ta'uun beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015