Godina Wallagga Bahaatti Lafti Heektaara Kuma 45 Jallisiin Misoome

105

Naqamte Mudde 22/2012 (TOI) – Wayitii bonaa amma ammaatiin lafti heektaarri kuma 45 jallisiin misoomuusaa waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.

Lafti misoome kun wayitii bonaatti misoomsuuf karoora qabame heektaara kuma 80 fi 476 keessaa akka ta’e ibsameera.

 
Waajjirichatti agiroonoomistiin misooma jallisii obbo Waaqjiraa Ejersoo TOItti akka himanitti misoomni jallisii kun aanaalee godinichaa 18 keessatti akka ta’e himameera.


Misoomni jallisii kun hidhaalee ammayyaa, bishaan lagaa fi boolla namaan qotametti fayyadamuun adeemsifamaa akka jirudha kan himan.

Boqqoolloon, Dinnichi, Raafuu maraan, Timaatimiin, Qoosxaan, Hundeen Diimaa, Qullubbiin Adii fi Diimaan kanneen jallisiin oomishamaa jiran akka ta’an obbo Waaqjiraan ibsaniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Walanee Leemmuu jiraatan Dassaalagn Beenyaa Qullubbii diimaa lafa heektaara walakkaarratti oomishan gabaaf dhiheessaa akka jiran dubbataniiru.
“Gurgurtaa Kuduraa Boroo irraa birrii kuma 40 nan eeggadha" jedhaniiru.

Jiraataa ganda Daarbas kan ta’an obbo Malkee Amantee oyiruu heektaara shan irra Boqqoolloo fi Dinnicha misoomsaa akka jiran dubbataniiru.

Godinichatti misooma wayitii bonaa marsaa jalqabaatiin oomishni kuntaala miiliyoona 12 tuqaa 3 akka eegamu beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015