Godinichatti Lafa Hektaara Kuma 310 Irraa Midhaan Gosti Garaagaraa Sassaabame

59

Naqamte mudde 22/2012 /TOI/ - Godina Wallaggaa bahaatti lafa heektaara kuma 310 caalu irraa midhaan gosa garaagaraa sassaabamuu isaa godinichatti waajjirri qonnaa fi qabeenya umammaa beeksise.  

Wajjirichatti oggeessi misooma callaa obbo Biruuk Caalaa yaada kennaniin akka jedhanitti godinichatti bara darbe lafti heektarri kuma 412 fi 639 midhaan gosa garaagaraan uwwisamee ture jedhaniiru. 

Lafa callaan uwwisamee kana keessaa hamma yoonaatti lafa heektaara kuma 310 fi 639 irraa midhaan ga'e sassaabamu isaa dubbataniiru.

Godinichatti hojii sassaabbii callaa kana irratti hojjettoonni mootummaa, miseensoonni raayyaa ittisa biyyaa, barattoonnii fi ummatni godinichaa kan hirmaatan ta'uu ibsaniiru.

Midhaan sassaabbaman kana keessaas Xaafii, Boqqoolloo, Baaqellii, Atarri, Salixiin, Bollooqqeeni fi midhaan gosa garaa garaa kan keessatti argaman ta'us eraniiru.

Midhaan sassaabame dha'amee irraas oomishni kuntaalli miiliyoonni 5 fi kumni 42 kan argamee ta'u isaas Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Godinchatti haalli sassaabbii callaa yeroo ammaa kanas itti fufee kan jiru ta'uun beekameera.

Qonnaan bultoonni yaada isaanii kennan akka jedhanitti haalli qilleensaa yeroo ammaa kana jiru oomisha sassaabuuf mijataa kan ta'e dha jedhaniiru.

Qonnaan bulaa aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Bonayyaa Moolee obbo Buzunaa Hordoffaa akka jedhanitti oomisha isaanii yeroon sassaabbanii kan xumuran ta'uu himaniiru.  

Qonnaan bulaan ganda Baabboo Minyaa obbo Gammachuu Yaadasaa gama isaaniin oomisha isaanii ga'ee ture barattoonni Yunivarsiitii Wallaggaa kan isaaniif sassaaban ta'uu dubbataniiru.

Godina Wallaggaa Bahaatti bara omishaa 2011/2012 callaan kuntaalli miiliyoonni 14 ol ni argama jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015