Godinni Baalee godinaalee Lamatti Akka Gurmaa’u Manni Maree Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteesse

438

Muddee 21/2012) - Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 5ffaa waggaa 5ffaa Mudde 21/2012 geggeesseen godinni Baalee godinaalee lamatti akka gurmaa’u Murteesseera.

Manni mare kun  dhimmoota gurguddoo garaa garaa irratti mari’atee murtoo armaan gadii dabarseera.

Manni Marii naannichaa ummanni godina Baalee rakkoo bu’uura misoomaa fi addaan fageenya jiru irraan kan ka’e rakkoo tajaajila saffisaa dhiyeenyatti argachuun walqabatee gaaffii bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf tureef qorannoo karaa Biiroo Pablik Sarviisii Misooma Qabeenya Namaa dhiyaate irratti bal’inaan erga mari’atee Godinni Baalee Godina Baalee Lixaa fi Baalee Bahaa ta’ee iddoo lamatti akka gurmaa’u sagalee guutuun murteesseera. Baaleen Lixaa Roobee Baalee Bahaa ammoo Ginniir teessoo godina akka ta’an yaadni murtoo qorannoon dhiyaates mirkanaa’eera.
Gama biraatiin manni marichaa walga’ii geggeesseen wixinee labsii bulchiinsa hojiiwwan misooma albuudaa Oromiyaa fooyyessuuf dhiyaatee fi wixinee labsii fandii daandiiwwan Naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’e irratti bal’inaan erga mari’atee booda caffee Oromiyaaf akka dhiyaatu murteesseera.

Gama biraatiin Walgahii Idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa gaafa 17/04/2012 geggeeffameen wixineen labsii fandii daandiiwwan Naannoo Oromiyaa hundeessuuf qophaa’ee fi Wixinee Labsii Hojiiwwan Misoomaa Albuudaa murteessuuf qophaa'e irratti bal’inaan erga mari’atee booda yaadonni fooya’insaa dhiyaatan itti dabalamanii caffee Oromiyaaf akka dhiyaatu sagalee guutuun mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015