Wixinee Labsii Eksaayiz Taaksii Haaraa Irratti Mari’atamaa Jira

71

Mudde 21/2012 (TOI) - Wixinee labsii eksaayiz taaksii haaraa irratti Mariin taasifamaa jira.

Eksaayiz taaksiin gosa taaksii al kallatti yoo ta’u, shaqaxoota fayyaa hawaasaa fi jireenya gaarii irratti miidhaa geessisu jedhamanii yaadaman, meeshaale bu’aa dinagdee xiqqaa qabu jedhamanii yaadaman irratti kan kaa’amudha.

Labsii wixinee kanaa kan qopheesse ministeera maallaqaa yoo ta’u, mana maree ministirootaatiin ragga’ee gara mana maree bakka bu’oota ummataatti qajeelfameera.

Kaayyoon walga’ii har’aas wixinee labsii kanaan walqabatee iftoomina uumuudhaan qaamoleen dhimmi ilaalu hubannoo barbaachisaa akka qabatan gochuuf akka ta’e ibsameera.

Oomishtoonni, dhaabbilee al ergitoonnii fi alaa galchan dabalatee miseensonni hawaasa daldalaa, bakka bu’oonni dhaabbilee miidiyaa fi qaamoleen dhimmi ilaalu marii kanarratti hirmaataniiru.

Kaayyoon wixinee labsichaa gosa taaksii kanaan wal qabatee hojmaata galii walitti qabamu cimsu uumuudhaan dinagdee biyyattii cimsuuf akka ta’e wayituma kana ibsameera.

Ministirri galiiwwanii adde Adaanech Abeebee marii kanarratti ibsa kennaniin, galiin Itiyoophiyaan eksaayiz taaksiirraa walitti qabdu taaksii waliigalaa biyyattiin walitti qabdu keessaa dhibbantaa 0 tuqaa 7 qofa akka ta’e ibsaniiru.

 Labsichi bu’ura taaksii bal’isuudhaan akkasumas taaksii irra deddeebi’amu hanbisuudhaan dorgommii al ergii guddisuudhaan gumaacha olaanaa akka qabaatu adde Adaanech ibsaniiru.

Waan ta’eef sirna sassaabbii galii biyyattii cimsuu fi gosa taaksichaarraa galma barbaadamu milkeessuuf labsichi shoora olaanaa akka qabaatu hubachiisaniiru.

Labsiin haaraan kun rakkoolee labsii ittiin hojjetamaa jiruu dhabamsiisuudhaan sirna taaksii mijataa ni uuma jedhameetu amanama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015