Godina Iluu Abbaa Booritti Omishni Lafa Heektaara kuma 115 Irraa Walitti Qabame

56

Mudde 17/2012 (TOI) – Godina Iluu Abbaa Booritti oomisha sassaabbiif ga’e heektaara kuma 115 irraa walitti qabuusaa waajjirri qonnaa fi qabeenya uumamaa godinichaa beeksise.

  Waajjirichatti abbaan adeemsa hojii miso oma midhaanii obbo Tafarii Raggaasaa TOIf akka himanitti bara oomishaa darbetti lafti heektaara kuma 131 fi 500 ol midhaan facaafameera. Kana keessaa oomishni ga’e lafa heektaara kuma 115 ol irraa walitti qabameera. Bokkaan darbee darbee godinichatti roobu Xaafii fi Boqqoolloo miidhaa akka hin geessifne qonnaan bulaan karaa gurmaa’insasaatiin sassaabee galchuusaa dubbataniiru. Mishingaan amma xumura baatii kanaatti galchuuf tumsi taaifamaa akka jiru dubbataniiru.   Oomisha kana sassaabuuf abbootiin warraa kuma 73 ol aanaalee godinichaa 13tti keesatti  argaman dhuunfa fi gareen hirmaataniiru. Godinichatti jiraataa aanaa Hurrumuu ganda Toomaa Yoomii kan jiraatan qonnaan bulaan Wandimmuu Tokkee yaada kennaniin Boqqoolloo, Xaafii, fi Baaqilaa lafa heektaara lama irratti oomishan hunda sassaabaniiru.   "Bokkaan wayitii hin eegne jiraatus oomisha hin mine,inumaayyuu misingaaf gaarii ture” jedhaniiru.   Boqqoolloo fi Xafii kilaastaraan misoomsuunsaanii oomisha daddafanii akka galfatan carraa uumuusaa jiraataa ganda kanaa kan ta’an qonnaan bulaa Dabalaa Dhinsaa himaniiru.   Bara oomishaa kanatti lafa midhaan addaddaa facaafame irraa oomishni kuntaala miiliyoona 2 tuqaa 2 ol akka eegamu beekameera.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015