Jaappaan Xiyyaarotaa Fi Doonii Waraanaa Gara Giddugaleessa Bahaatti Erguufi

124

Finfinnee Mudde 17/2012 (TOI) - Jaappaan Xiyyaarotaa fi Doonii waraanaa gara giddugaleessa Bahaatti erguufi.   

Jaappaan dooniiwwaan daldalaa isheerraa miidhaa eeguuf doonii fi xiyyaarota sakatta’insaa gara giddugaleessa Bahatti erguuf akka jettu dhaga’ame.

Waldhibdeen giduugaleessa Bahaa Jaappaan akka yaadessaa jiru himame.

Dubbii himaan mootummaa Jaappaan akka ibsanitti biyyattiin waggaatti gaazii hin calalamiin bittu keessaa dhibbeentaa 90 kan argattu kutaa kanaati jedhan.  

Muummeen Ministiraa Sheenzoo Abee bu’uura murtee kaabineen dabarseen doonii waraanaa heliikoopteroota baataanii fi xiyyaroota sakatta’iinsa P-3C jedhaman sadii gara naannichaatti ni ergamu jedhaniiru.

Balaan tasaa yoo mudate naannichatti kan ergaman doonii fi xiyyaaronni Jaappaan tarkaanfii akka fudhatan ministeerri raayyaa ittisaa ajaja dabarsaniiru.  

Yeroo dhihoo asitti naannoo giddugaleessa Bahaatti dooniiwaan daldalaa irratti miidhaan ga'aa kan jiru ta'uun ni beekama.   

Maddi:- Reewutars

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015