Magaalaan Xaaliyaanii Xiqqoon Muka Gannoo Baay’ee Guddaa Ta’een Miidhaguunshee Himame

104

Mudde 16/2012 (TOI) – Magaalaan Xaaliyaanii xiqqittiin Gubiyyoo gaara Inginoo jalatti argamtu  ifa muka Gannoo Gguddinasaatii galmee addunyaa (Guinness Record) irratti galmaa’een guutamuunshee gabaafameera.

Odiit sentiraal akka gabaasetti mukti Gannoo guddichi gaara Ingiinoo irraa kun meetira 750  kan dheeratu yoo ta’u, yeroo jalqabaaf ifaan miidhagee kan mul’ate ALA tti bara 1981 akka ture gabaasni kun mul’iseera.

Akka gabaasa kanaatti mukni Gannoo guddaan kun waggaa waggaan ALA Mudde 7 amma  amma Cuuphaatti gaara kanarratti dalga galuudhaan ampuulota baay’innisaanii 700 caalaniin magaalaa xiqqoo kana ni miidhagsa.

Mukni Gannoo guddichi kun ALAtti bara 1991 ture ‘muka Gannoo guddicha’ jedhamuun galmee addunyaarratti kan galmaa’e yoo ta’u, amma ammaatti isa caalaa guddaa kan ta’e hin galmoofne.

Tola ooltonni magaalaa xiqoo kana keessatti argaman waggaa baranaa kanas gaara kana ifaan miidhagsuuf funyoo ibsaa kiiloomeetira 8 tuqaa 5 caalu, ampoolota kuma 3 ol qopheessuusaanii Odiit Sentiraal gabaaseera.

Ampoolota kuma sadii malees gubbaa gaara kanaa irraa kan ifan ampoolota kuma 1 fi 350f human ibsaa kiiloo waattii 35 hojiirra akka oolu himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015