Hojii Raawwachiisaan Booyiing Deeniis Muliinbarg Aangoo Irraa Kaafaman - ENA Afaan Oromoo
Hojii Raawwachiisaan Booyiing Deeniis Muliinbarg Aangoo Irraa Kaafaman
Finfinnee Mudde 14/2012 (TOI) - Hojii Raawwachiisaan Booyiing Deeniis Muliinbarg aangoo irraa kaafaman.
Hoji raawwachiisaan Booyiing Deeniis Muliinbarg kan hojii irraa kaafaman sababii oomisha Booyiing, xiyyaara Maaks 737 yoo ta'u, kubbaaniyyichi rakkoo keessaa ba'uun gara hojiitti akka deebi'uufi jedhameera.
Namootni xiyyaara 737n maatiin isaanii jalaa miidhaman kaafamuu hojii raawwachiisaa kanaan gammadaniiru.
Xiyyaaricharra balaan qaqqabuu fi sanaan booda oomishaa fi hojii dhaabuu isaatiin dhaabbatichi kisaaraaf saaxilameera.
Booyiing oomisha isaa gara gabaatti deebisuuf hojjechaa jiras jedhameera.
Yeroodhaaf garuu amma rakkoo isa mudate sirreeffatutti xiyyaara Booyiing 737 balallii doorkameera.
Dhaabbatichi bakka hoji raawwachiisaa hojiirraa gaggeeffamanii Deeviid Chaalhoon hojii raawwachiisaa olaanaa taasisuun muudeera.
Boordiin dhaabbata Booyiing jijjiiraan gaggeessaa taasifamuun dhaabbatichaa fi maamiltootaaf amanamummaa dabaluuf akka ta’e ibseera.
Xiyyarri Maaks 737 Indooneejiyaa fi Itiyoophiyaatti balaan erga irra qaqqabeen booda balallii akka hin taasifne ugguramuun isaa ni yaadatama.
Maddi:- BBC