Pirezidaant Sawudee Samaraa Dhaqan

81

Mudde 12/2012(TOI)  - Pirezidaantiin RDFI Saahilawarq Zawudee har’a ganama magaalaa Samaraa seenaniiru

Pirezidaant Saahilawarq magaalaa Samaraa Loogiyaa buufata Xiyyaaraa Sulxaan Aliimiiraa Hanfiree wayita ga’an bulchaa bulchiinsa naannoo Affaar obbo Awwal Arbaa dabalatee itti qondaaltonni naannichaa fi jiraattonni Samaraa magaalaa Loogiyaa fi naannawashee simannaa maarchi baandii poolisii naannichaan dabaalame taasisaniiruuf.

Guyyaa har’aa sadarkaa biyyaatti magaalaa Samaraatti kan kabajamu guyyaa HIV eedsii ilaalchisuun qondaaltota naannichaa, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee federaalaa dhimmi ilaallatu waliin akka mari’atanis beekameera.

Pirezidaant Saahilawarq turtii isaaniitiin Yunivarsiitii Samaraatti hirmaannaa barattoota dubartootaa fi hoggantoota waliin dhimmoota sirna koornayaan walqabatan irratti ni mari’atu.

Kana malees sochii hojii Hospitaala riferaalaa Dubtii ni daawwatu jedhameetu eegama.

Dabalataanis Yunivarsiitii Samaraa fi iddoowwan filatamanitti biqiltuu ni dhaabu jedhameetu eegama.

Pirezidaanti Saahilawarq walitti qabduu mana maree HIV eedsii biyyaalessaa ta’uunsaanii ni beekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015