Sirni Gadaa "UNESCO"tti Galmaa’uun Isaa Duudhaalee Fi Hambaaleen Biroos Akka Galmaa’aniif Kaka’umsa Ni Uuma Jedhame

162

Mudde 09/04 12(TOI) - Sirni Gadaa "UNESCO"tti galmaa’uun isaa Ummata Oromoo keessatti kaka’umsa uumuun duudhaalee fi hambaaleen biroos akka galmaa’aniif hojjetamaa jira jedhame.

Sirni Gadaa "UNESCO"tti galmaa’e aadaa fi duudhaan Ummata Oromoo duraan moggaatti dhiibamaa ture giddu-galatti dhufee akka beekamu taasisaa jira jedhan,Hoogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa, Obbo Girmaa Hayiluu.

Akka fakkeenyattis ayyaana Irreechaa hora Finfinneetti kabajame kaasuudhaan Sirna Gadaa Imaammata barnootaa keessa galchuun dhaloota barsiisuun dimokiraasii babal’isuuf hojjetamaa jiras jedhan.

Dhuudhaalee fi hambaaleen biraas akka galmaa’aniif hojjetamaa akka jiru kan himan Obbo Girmaan, Ayyaana Irreechaa, Holqa Soof umar, Dirree Sheek Huseen, Gaarreen Baalee fi Malkaan Qunxurree keessatti argamu jedhan.

Maappii Turizimiin Oromiyaa keessa jiru adda bahee, karoorri waggaa 10 qophaa’ee hojii keessa galamuusaas Obbo Girmaan himan.

Akka OBN gabaasetti Iddoowwan hawata Turizimii Oromiyaan qabdu beeksisuuf Dhaabbilee barnootaa, Hoteelota Internaashinaalii fi buufata xiyyaaraa Boolee waliin hojjetamaa jira.

Oromoota biyya alaa jiran waliin agarsiisa qopheessuun Nyaata ,Uffata aadaa fi iddoowwan seena qabeessa beeksisuuf qindoominaan hojjechaa akka jiranis dubbatan.
Biyyoota Giddu Gala Bahaa Sawud Arabiyaa fi Kuwaataaritti akka jalqabamus himan.

Ayyaanni Irreechaa Ameerikaa fi Awurooppaa fi biyyoota Afriikaa biroo keessatti Oromootaan waggaa waggaan kabajamaa jiru ayyaanicha beeksisaa akka jiruu fi cimee itti fufuu akka qabus hubachiisan.

Miidiyaa waliinis qindoominaan aadaa fi duudhaa ummatichaa beeksisuuf hojjechaa akka jiranii fi Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti kabajame miidiyaan biyya keessaa fi Idil-Addunyaa 200 ol akka gabaasan ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015