Naannolee Ollaa Bahaatti Sochiin Yakkaa Hir’ataa Jira Jedhame

53

Mudde 8/2012 /TOI/ - Naannoleen Ollaa Bahatti Argaman Qindoominaan Yakka ittisuu Erga Eegalanii As Sochiin Yakkaa Hir’ataa Jiraachuu Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa Beeksiseera.

Qajeelchichatti hogganaan Diivijinii komunikeeshinii komaandar Siyum Dagafuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti Naannooleen baha biyyattiitti argaman yakka naannawaa sanatti muldhatu balleessuuf erga wallin hojjechuu eegalanii as sochiin yakka hir’ateera jedhaniiru.

Humnoonni nageenyaa kutaa kanatti argaman Poolisoonni Godina Harargee bahaa, Komishiniin poolisii Federaalaa, Humni Raayyaa ittisa biyyaa fi biiroon oddeeffannoof nageenya federaalaa fi kanneen biroo waliin qindoomuun yakki nannawa kanatti akka hir’atuuf hojjechaa jiraachuutu himame.

Keesumattuu yakki konkolaataa Guddaa fi deddebisa ummataa ta'an irratti raawwatamaa ture daran hira’chuu isaas ibsaniiru.

Akkasumas "Kontirobaandiin, meeshaan waraanaa seeraan alaa, godaansi seeraan alaa fi rakkooleen kanaan dura muldhachaa turan hundi furamaa jiru "jedhaniiru.   

Kanaafis abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi dargaggoonni naannawa kanatti argaman qindaa'uun hojiin raawwatan kan nama boonsudha jechuunis himaniiru.   

Akka Komaandar Siyum jedhanitti kabaja ayyaana qulqulluu Gabri'eelii Mudde 19 kabajamuufis qindoominaan kan hojjetan ta'uu dubbataniiru.

Namoota ayyaana kana kabajuu dhufaniifis magaalaa Adaamaa irraa eegalee hanga Jigjigaatti rakkoon nageenyaa akka hin uumamneef koreen dhaabatee hojjechaa kan jiru ta'uu komaandarichi dubbataniiru.

Ummatni ayyaana kana kabajuu dhufanis oduu sobaa miidiyaa hawaasaa irratti gadi lakkifamaniin jeeqamuu akka hin qabnes ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015