Badhaafamuu Doktar Abiyyitti Nus Ni Boonna - Ertiraanota - ENA Afaan Oromoo
Badhaafamuu Doktar Abiyyitti Nus Ni Boonna - Ertiraanota
Mudde 7/2012 /TOI/ - Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nageenyi akka bu'u kan hojjetan Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa Badhaafamuu isaaniin kan boonan ta'uu Ertiriyaanonni ibsan.
Naannoo Amaaraatti pirojaktii jallisii daawachaa kan jiran lammiileen Ertiraa yaada kennaniin akka jedhanitti badhaafamuun muummee ministiraa Doktar Abiyyi Ertiraannotas kan gammachiise ta'uu dha kan isaan dubbatan.
Daarektarri ministeera Qonnaa fi qabeenya uumamaa Ertiraa obbo Gabra Masqal Tawaldee akka ibsanitti rakkoo siyaasaatiin Itiyoophiyaa fi Ertiraan waggoota 20f akka wal irraa fagaatan godhameera.
Muummeen Ministraa Doktar Abiyyi Ahimad immoo erga aangootti dhufanii ummatni lamaan akka wal ga'an godhaniiru jedhan daarektarichi.
Nageenyi waggoota 20f biyyoota lamaan jdduutti dhabamee tures deebi'uun yeroo ammaa ummattootni lamaan nagaadhaan wal argaa jiru jedhaniiru.
Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi hojiin isaanii hundi Jaalala, Tokkummaa, Dimokraasii fi Ida'amuu kan of keessaa qabu waan ta'eef gara fuula duraattis ni milkaa'u jedhaniiru.
"Doktar Abiyyi Ahimad ilma Afriikaanis ittiin boontu dha" jechuunis himaniiru.