Paartileen Oromiyaa Fi Amaaraa Keessa Socho’an Dhimmoota Naannolee Lamaanitti Nageenya Buusuu Danda’anirratti Mari’achaa Jiru

72

Mudde 06/2012 (TOI) – Paartileen Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an dhimmoota naannolee lamaan keessatti nageenya buusanirratti Finfinneetti mar’iachaa jiru.

Paartileen naannolee lamaan keessa socho’an kanaan dura tokkummaa ummattootaa cimsuu fi nageenya biyyattii deebisuuf waliin akka hojjetan walii galaniiru.

Haala kanaan jidduu darbe Yunivarsiitiiwwan naannolee lamaanii keessatti rakkoolee uumananiin wal qabatee dhimmoota furmaata fiduu danda’anirratti har’a mari’ataa jiru.

Kanaan duras dargaggoota, abbootii amantaa, abbootii qabeenyaa, hayyootaa fi paartileen naannolee lamaanii dhimmoota tokkummaa fi nageenya fiduun danda’amurratti mari’achaa turaniiru.

Paartileen naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho’an torba wal miidhaan Yunivarsiitota naannolee lamaanii keessatti raawwataman akka dhaabatan waamicha dhiheessuunsaanii ni beekama.

Dhimmoota walitti hidhiinsa ummattootaa laaffisanii fi walitti bu’iinsatti geessanirraa of qusachuu fi balaawwan ummatarratti aggaamaman maqsuuf walta’uun hojjechuuf murteessuunsaaniis ni yaadatama.

Walitti bu’iinsonni yunivarsiitiiwwan naannolee lamaanii keessatti uumamaa jiran akka dhaabatan paartileen ga’eesaanii ba’uuf, tokkummaa ummattoota Oromoo fi Amaaraa irratti waliin hojjechuuf waliigaluusaaniitiin walga’iin kun itti fufiinsaan har’a adeemsifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015