Deenmaark Filannoo Itiyoophiyaaf Kan Oolu Doolaara Miiliyoona 1 Tuqaa 5 Deeggaruufi

48

Sadaasa 4/2012(TOI) –  Mootummaan deenmaark filannoo Itiyoophiyaan bara 2012 adeemsiftuuf kan oolu doolaara miiliyoona 1 tuqaa 5 deeggarsaan kennuufi.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Miis Kaariin Polsan fi sagantaa misoomaa dhaabbata mootummaa gamtoomaniitti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Turhaan Saaleeh kaleessa waliigaltee deeggarsaa kana mallatteessaniiru.

Deenmaark deeggarsa kana kan taasiftu ministirri tumsa misoomaa biyyattii Rasmuus Pireen baatii Bitootessa 2011 Itiyoophiyaatti daawannaa wayita taasisan haala waadaa galaniin ta’uu odeeffannoon waajjira ‘UNDP’ Itiyoophiyaarraa argame ni agarsiisa.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Miis Kaariin Poolsan filannoon Itiyoophiyaan adeemsiftu biyyattii gara nageenyaa fi badhaadhinaatti fiduuf imala eegalteef gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Filannichi bilisaa fi haqa qabeessa karaa ta’een akka adeemsifamu yaalii ‘UNDP’ fi deeggartoota idil addunyaatti makamuusheetti akka gammadan ibsaniiru.

Amma ammaatti Deenmaark dabalatee deeggartoonni misoomaa 10 Itiyoophiyaatti sirna demokiraasii cimaa ijaaruuf pirojektoota filannoo deeggaraniif doolaara miiliyoona 40 waadaa galuusaanii Itiyoophiyaatti odeeffannoon biiroo ‘UNDP’  ni mul’isa.

Boordii filannoo Itiyoophiyaatti gorsituun komunikeeshinii adde Sooliyaanaa Shimallis pirojekticha ilaalchisuun TOIf akka himanitti, maallaqa deeggartoota misoomaarraa argamu ‘UNDP’ Itiyoophiyaatiin kan sassaabamudha.

Mootummaan Fiinlaand Sadaasa 29/2012 filannoo bara 2012 adeemsifamuuf kan oolu deeggarsa doolaara kuma 800 taasisuuf ‘UNDP’ Itiyoophiyaa waliin mallatteessuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015