Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Ejensiin Nyaata Barattootaa Irratti Hojjetu Akka Hundaa’u murteesse

76

Mudde 4/2012 (TOI) – Ejensiin nyaata barattootaa irratti hojjetu akka hundaa’u bulchiinsi magaalaa Finfinnee murteesseera.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee har’a walga’ii idilee har’a adeemsiseen ejensii nyaata barattootaa irratti hojjetu hundeessuuf labsii dhihaate fudhachuun mana mareef qajeelcheera.

Ejensiin kun dhaabbachuunsaa dhiheessii meeshaalee barnootaa fi sagantaa nyaataa barattootaa itti fufiinsa akka qabaatu akkasumas dhaabbata ta’ee akka itti fufu gochuuf kan kaayyeffatedha.

Dhiheessiin meeshaalee barnootaa fi dhiheessiin nyaataa bifa qindaa’een barattootaaf akka dhihaatu ni dandeessisa jedhameera.

Kanaaf bajata bulchiinsi magaalaa sagantichaaf ramadu hojiirra oolchuu irraa kaasee tola ooltotaa fi arjoomtota kan qindeessu fi dhiheessiin kun sirriitti wal ga’uusaa ni to’ata.

Dubartoota guddattootaaf bulchiinsi magaalaa laguu kan ittiin to’atan raabsuuf karoorfates ejensii Kanaan kan qajeelfamu ta’a.

Ejensiin kun dhaabbachuunsaa barattoonni barnoota qofarratti akka xiyyeeffata taasisuudhaan human barnootaa irratti waan gaarii akka uumu itti amanameera.

Gama biraatiin barattoonni fayyadamoo teeknooloojii akka ta’an , biyya alaattis ta’e biyya keessatti carraa barnootaa akka argatanis ni hojjeta.

Itti waamamni ejensichaa  waajjira kantiibaaf akka ta’u murtaa’uusaa odeeffannoon eebsaayitii waajjirichaarraa argame ni agarsiisa.

Bara barnootaa kanaaf bulchiinsa kaka’umsa bulchiinsa magaalichaatiin barattoota 6000f deeggarsi Uffannaa, dabtaraa fi meeshaaleen barnootaakan taasifame yoo ta’u, barattoonni kuma 300 ol fayyadamoo sagantaa nyaataa ta’aniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015