Badhaafni Noobeelii Nageenyaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Argatan Muuziyeemii Biyyaalessaa Akka Taa’u Murtaa’e

71

Mudde 3/2012 (TOI) – Ministirri muumme RDFI Abiyyi Ahimad Noobeelii nageenyaa addunyaa 100ffaa mo’atanii kan argatan Meedaaliyaa fi Dippiloomaan koree Noobeelii Noorweeyi irraa fudhatan muuziyeemii biyyaalessaa akka taa’u murtaa’eera.

Meedaaliyaa fi dippiloomaan seena qabeessi kun muuziyeemii  akka taa’u waajjirri ministira muummee murteessuusaa abbaa taayitaa qorannoo fi eegumsa hambaa Itiyoophiyaatti daarektarri quunnamtii ummataa obbo Faantaa Bayyanaa TOItti himaniiru.

Meedaaliyaa fi dippiloomaan kun muuziyeemii biyyaalessaa kan kaa’amu Dilbata Mudde 05/2012 dha.

Itti gaafatamtoonni olaanoo mootummaa fi namoonni beekamoon sirna kanarratti akka argaman eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015