Bu'aa Filannoo Waliigalaa UK 2019n Konservaatiivonni Injifatan

51

Mudde 3/2012 /TOI/ - Filannoo waliigalaa bara 2019 UK Konservaatiivonni teessoo caalaa argachuun mo'ataniiru.  

Osoo bu'aan filannoollee hin labsamiin teessoo 326 mo'achuun mootummaa hundeessuuf hanga barbaadameen ol mirkaneeffataniiru.

BBCn akka tilmaametti ministirri muummee Boriis Joonsan harka caalmaa 74n gara aangootti ni deebi’a.

Ministirri muummichaas akka jedhanitti kun "Brexit akka milkaa'uuf" aangoo waan nuuf kennuuf UK Gamtaa Awurooppaa keessaa baatii dhufu ni baasna jedhan.

Jermii Korbiin ammoo warri Leebarii "halkan baayyee gaddisiisaa" dabarsan jechuudhaan filannoo gara fuula duraatti akka hin dorgomne himan.

Paartiin warra Leebarii kun bakkeewwan warra bara 2016 keessa Brexit deggeran akka Kaaba, Miidlaandii fi Weels keessatti guutummaatti teessuma hin arganne.  

Bu'aan filannoo amma jiru warra Konservaativiif baayyee ajaa'iba jedhameera. Kan hedduun isaaniii abdataniin olitti sagalee argachaa jiru.

Paartiin Konservaativii kun injifannoon ministirri muummee biyyattii Boriis Joonsan ji'a dhufu Brexit milkeessuuf akka danda'an isaanii hayyameera.

Filannoo kanarratti bakkeewwan akka seenaatii wiirtuu warra Leebarii ta'uun beekamullee warra Konservaatiiviif sagalee kennaniiru.

Paartiin warra Leebarii amma haala baayyee rakkisaa keessa galaniiru.

Jermii Korbiin amma ejjennoo isaa ifa godheera. Osoo filannoon dhufu hin ga'iin deemuuf akka jirullee ibseera. Paartii isaa keessaa baayyeen ammoo akka inni ammuma deemuu ni barbaadu.

Paartii warra Leebariidhaaf bu'aan filannoon ammaa kun erga Waraana Addunyaa Lamaffaa isa baayyee badaadha jedhameera.

Akka gabaafamaa jirutti haala amma jiru kanaan Boris Joonsan aangoo isaaniin waan itti fufaniif jijjiirraan kaabinee isaanii hedduu eegamu hin jiraatu.

Jijjiirraan kaabinee xiqqoon yoo jiraatellee Wiixata walii dabarsuun gaggeeffama jedhamaa jira.

Madda:- BBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015