Qonnaan bultoonni godina Baalee walitti hidhamiinsi gabaa akka godhamuuf gaafatan

50

Baale Mudde 2/2012 /TOI/ Oomisha qonnaa isaaniirraa bu’aa dhamaatii isaanii akka argataniif walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuuf qonnaan bultoonni godina Baalee aanaalee gara garaa gaafatan.

Rakkoolee gabaan walqabatee qonnaan bulaa biraa ka’aa jiru furuuf qindoominaan hojjachaa jiraachuu waajjirri misooma gabaaf babal’inna hojii gamtaa godina Baalee beeksiseera.  

Qonnaan bultoonni godina baalee aanaalee agaarfaa fi sinaanaa akka dubbatanitti sanyiilee filatamaa qorannoo qonnaa sinaanaarraa argatan teeknooloojii qonnaa guututti fayyadamuun misoomsuu erga jalqabanii qamadii heektaararraa kuntaala 65 hanga 80 oomishuu jalaqabuu dubbatu.

Qonnaan bultoota keessaa kanneen yaada isaanii TOI tiif kennan obbo yabaa Mohaammad akka jedhanitti Oomishaaf oomishtummaa isaanii yeroo irra gara yerootti dabalaa dhufanillee sababa hanqina walitti hidhamiinsa gabaan hamma dhamaatii isaanii fayyadamoo kan hin taane ta'u dubbataniiru.

Keessattuu oomisha galtee warshaa kan ta’e qamadii paastaaf makoroonii kilaastaraan oomishaa jiran kanaaf warshaalee daakuuf nyaataatiin walitti hidhamiinsi akka uumamuuf gaafataniiru.  

Qonnaan bulaan Ahmad xayyib umar gama isaaniin faaddaaltotaaf daldaltoonni seeraan alaa qonnaan bulaa gowwoomsuun oomisha isaa maasii isaarratti irraa bituun fayyadamummaa isaa dhabsiisu irratti kan argaman ta'u himaniiru.   

Qaamni dhimmi ilaalu furmaata hatattamaa akka itti kennuufis qonnaan bulaan kun gaafataniiru.

Itti gaafatamaan misooma gabaa godina baalee obboo Andualem Girmaa gama isaaniitiin akka jedhanitti rakkoo walitti hidhamiinsa oomisha qonnaan bultootaa irratti mul’ataniif fala kaa'uuf qaamota dhimmi isaan ilaallatu sadarkaan jiran wajjiin mariif leenjiin kennamaa jira.

Oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun callaan guddaan biyya keessatti akka argamu gochuun fayyadamummaa qonnaan bulaa dabaluu cinaatti baasii biyyattiin midhaan biyyaa alaatii galchuuf sharafa guddaa baaftu hambisuuf akka ta’e himan.

Waldaalee bu’uraaf yuuniyeenonni 800 ta’an oomisha qonnaan bulaa gatii madaalawaan irraa bituun akka inni faaddaaltotaaf daldaltoota seeraan alaatiin hin saamamneef seektara qindaawaa akka misooma gabaa,yuuniyeenotaaf baankoota wajjiin xiyyeefannoon hojjatamaa jira kan jedhan ammo Itti gaafatamaa waajjira babal’ina hojii gamtaa Godina Baalee obboo warqinaa Hayleeti.

Akka godina baaleetti bara oomisha 2011/2012 tti lafti heektaara kuma 335 midhaan gosa gara garaatiin misoome irraa callaan kuntaala miiliyoona 10 akka abdatamu ragaan waajjira Qonnaaf qabeeya uumamaa godinichaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015