Ayyaanni Cuuphaa galmee hambaa idila addunyaa Yuuneeskootti akka galmaa’uu murtaa’e

61

Finfinnee, Mudde 2/2012 (TOI) Ayyaanni Cuuphaa galmee hambaa idila addunyaa Yuuneeskootti akka galmaa’uuf murtaa’uu Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Barnoota, Saayinsii fi Aadaa (Yuuneeskoo)n beeksiseera.  

Waltajjii Yuuneeskoon Koloombiyaa Bogoota dhimmoota hambaalee ilaalchisuun taasisaa jiruun, Itiyoophiyaatti ayyaanni Cuuphaa galmee hambaa idila addunyaa Yuuneeskootti akka galmaa’u murtee dabarseera.

Ayyaanni Cuuphaa Goftaan Iyeesuus kiristoos gara laga Yordaanos deemuun harka Yohaannisitti Cuuphamuu isaa sababeeffachuun kan kabajamuu ta'uu dhaabbatichi beeksisera.

Ayyaanni kun guyyaa jala bultii Taabotaa gaggeessuu irraa eegalee halkan guutuu sirna mana amantaa Ortodoksiin kan kabajamuu dha.

Ganama irraa eegalee immoo sirnoonni mana amantaa erga taasifamanii booda Taabonni gara iddoo isaatti hamma deebi'uutti ayyaana sirna guddaan kabajamuu dha.

Ayyaanni Cuuphaa,  Masqala, Sirna Gadaa fi Fiichee Cambalaalaa itti aanuun Yuuneeskootti galmaa’uun hambaa Itiyoophiyaa 4ffaa Yuuneeskootti galmaa’e ta’eera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015