Badhaasichi Tokkummaa Ummata Itiyoophiyaa Cimsuun Hojii Dabalataaf Kan Kakaasudha – Mootummaa Naannoo Affaar

88

Mudde 01/2012 /TOI/ - Badhaasni Noobeelii Doktar Abiyyi Ahimad fudhatan Tokkummaa ummata Itiyoophiyaa cimsuun hojii dabalataaf kan nama kakaasu ta'uu biiroon komunikeeshinii  mootummaan naannoo Affaar  beeksise.  

Hoggannaan biirochaa obbo Ahimad Kelooytaa akka jedhanitti muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad biyyattiitti walitti dhufeenyi ummataa akka cimuu fi obbolummaan akka dagaagsuuf hojjechaa jiru.

Biyyootni Afrikaa bahaas wal shakkuu irraa bilisa ta'anii tokkummaan akka hojjataniif muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad hojii boonsaa hojjechuu isaanii ibsaniiru.

Dabalataanis Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduutti nageenyi akka bu'uu fi wallitti dhufeenyi ummataa akka cimuuf hojiin hojjetan yeroo yaadatamu kan ajaa'ibsiifamu ta'uu dubbataniiru.

Muummeen ministiraa akka sadarkaa kana irra ga'aniif ummattootni biyyattii gumaacha hedduu taasisanis hojiin Doktar Abiyyi jabaatanii hojjatanis badhaasa kanaaf kan isaan geessise ta'uu beeksisaniiru.

Noobeeliin nageenyaa kun nama nageenyaaf hojjetu muummee ministiraa Abiyyiif kennamuun isaa sirrii fi hojii dabalataaf kan isaan kakaasu ta'uu ibsaniiru.

Badhaasa kana Doktar Abiyyi haa fudhatan malee ummatni biyyattii hunduu kan itti gammade ta'uu dubbataniiru.

Gara fuula duraattis muummee ministiraa waliin ta'uun biyyattiitti nageenyi caalu akka galmaa'uuf kan hojjetan ta'uu hubachiisaniiru.

Badhaasa kana ilaalchisuunis mootummaan naannoo Affaar kan gammade ta'uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015