Muummeen Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Badhaasa Noobeelii Nageenyaa Kan Badhaafaman Nageenya Irratti Murannoo Agarsiisaniin Akka Ta’e Ibsame

64

Muddee 1/2012 (TOI) – Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii Nageenyaa kan badhaafaman, hojii nageenyaa irratti murannoo agarsiisaniini jedhan ministirri Ministeera Dhimma Alaa RDFI obbo Gadduu Aandaargaachoo.

Doktar Abiyyi badhaasa Noobeelii fudhachuu isaanii ilaalchisee Ameerikaa Embaasii Itiyoophiyaatti qophiin gammachuu ibsannaa taasifameera.

Qophicha irratti argamuun haasaa kan taasisan obbo Gadduu Aandaargaachoo, badhaasni kun kan argame muummeen ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad nageenyi akka bu’u murannoo agarsiisaniin yoo ta’u, beekamtichi kan lammiilee Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa hundi nageenya biyyattiif waardiyaa dhaabbachuun akka irra jiraatus ibsaniiru.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Fitsum Araggaan akka jedhanitti, badhaasni Noobeelii kun jijjiiramoota hanga ammaatti argaman qofa osoo hin taane, gara fuula duraattis bu’aa caaluuf hojjechuuf galtee guddaadha jedhaniiru.

Hoggantoonni Tirasti Fandii Diyaasporaa Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaas miseensonni isaa deeggarsa isaanii cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Qophicha irratti ministirri Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachoo, ministirri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii Injiinar Silashii Baqqalaa, Ambaasaaddar Fitsum Araggaa, hoggantoonni amantaa, hoggantoonni Tirasti Fandii Diyaasporaa Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaa, bakka buutonni waldaalee fi keessummoonni kabajaa argamuu isaanii ragaan Ameerikaatti Imbaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa jechuun BDhKMNO gabaaseera..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015