Pirojektoonni Bishaan Dhugaatii Nu Fayyadaniiru --- Jiraattota Horro Guduruu Wallaggaa

72

Naqamte  Sadaasa 30/2012 (TOI)  --- Pirojektoonni bishaan dhugaatii naannawa isaaniitti ijaaramee tajaajila kennuu waan jalqabeef fayyadamoo akka ta’an godina Horro Guduruu Wallaggaatti jiraattonni aanaalee Abbee Dongoroo fi Jimmaa Gannatii dubbatan.

Godinichatti aanaa Abbee Dongoroo ganda Caruu kan jiraatan adde Mulunash Nagaash akka jedhanitti kanaan dura burqaa gabbatetti fayyadamaa turanis bishaan kun fagoodhaa waan dhufuuf hojii misoomaa isaaniirratti gufuu ta’aa akka ture himaniiru.

Obbo Kamaalis ganduma kana kan jiraatan yoo ta’u, isaanis yaada kennaniin “dhaabbanni bishaanii kun tajaajila eegaluunsaa daa’imman dhukkuba koleeraa fi dhibee bishaaniin dhufaniin rakkachaa turan ni baraara” jedhaniiru.

Bishaan namaaf, loonii fi huccuu miiccachuuf itti fayyadaman tokko ta’uusaa kan himan obbo Kamaal, yeroo ammaa rakkoo kanarraa baraaramuusaanii dubbataniiru.

Godinicha aanaa Jimmaa Gannatii jiraataa ganda Hundee Guddinaa kan ta’an adde Gonfee Garbaabaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, kanaan dura bishaan lagaa waan fayyadamaniif dhukkuba taayifooyidii fi dhibee garaa dhukkubsachaa akka turan himaniiru.

Dhaabbanni bishaan ijaaramee tajaajilaaf oole kun fayyaan isaanii akka eegamu gochuurra darbee yeroo fi human bishaan waraabuutti fixan akka hanbiseef dubbataniiru.

Waajjira bishaanii fi Inarjii godinichaatti ogeessi karooraa fi bajataa obbo Baabbuu Sanxi akka jedhanitti pirojektoonni bishaan dhugaatii ijaarsisaanii bara 2009 fi 2011 jalqabaman sadii xumuramanii tajaajila kennuu eegalaniiru.

Pirojektoonni kunneen aanaalee Abbee Dongoroo fi Jimmaa Gannatiitti namoota kuma 4 fi 540 ol fayyadamoo akka taasisan himaniiru.

Dhaabbileen bishaanii kunneen dhiibbaa, soolaarii fi human motoraatiin kan hojjetan yoo ta’u, birriin miiliyoona 5 tuqaa 1  akka itti ba’e himameera.

Akka obbo Baabbuun jedhanitti bara bajataa kana bajata naannoo fi godinaarraa ramadameen pirojektoota bishaanii 30, hirmaannaa ummataa fi bajata aanaatiin pirojektoota 127 ijaaruuf karoorfamee hojiin eegalameera.

pirojektoota bishaanii ijaaraman keessaa human dhiibbaan kan hojjetan, boolli gadi fagoo, burqaalee jiddu galeessaa fi gaggabaaboon hojjetamaa jiran raawwiinsaanii dhibbantaa 35-90 ga’uu eeranii, bara bajataa kanatti hawaasa fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuuf birriin miiliyoona 88 tuqaa 4 ol ramadamuusaa hubachiisaniiru.

Pirojektoonni kunneen xumuramanii tajaajila wayita jalqaban jiraattonni magaalaa fi baadiyaa kuma 79 fi 552 fayyadamoo ni ta’u.

Akka ogeessi kun ibsetti uwwisa bishaan dhugaatii godinichaa amma jiru dhibbantaa 72 irraa gara dhibbantaa 81tti guddisuuf hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015