Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi miseensota koree Noobeelii Waliin Noorweeyitti Wal argan

52

Finfinnee Sadaasa 30/2012 (TOI) - Muummeen ministiraa Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad miseensota koree badhaasa Noobeelii waliin Noorweeyitti wal argan.  

Doktar Abiyyi Ahimad badhaasa Noobeelii nageenyaa fudhachuuf kaleessa gara Noorweeyitti imaluun isaanii kan yaadatamudha.  

Badhaasa kanas guyyaa har’aa magaalaa Noorweey, Oslootti ni fudhatu jedhameera.

Doktar Abiyyi Ahimad hojii gaggeessaa Koree Noobeelii Beerit Reeyis fi miseensota kanneen biroo waliin wal arganiiru.

Muummeen ministiraa Doktara Abiyyi Ahimad baatii Fulbaanaa darbe badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019 mo’achuun isaanii ni yaadatama.

Doktar Abiyyi turtii isaaniitiin muummee ministiraa Noorweey Eernaa Soolbargii fi mootii Heeraald 5ffaa waliin ni mari'atu jedhameera.

Guyyaa har’aa galma walga’ii magaalaa Oslootti ibsa ni laatu jedhameetu eeggama.

Muummeen ministiraa Doktar Abiyyi erga aangootti dhufanii hojii boonsaa fi jijjiirama qabatamaa agarsiisaniin badhaasa Noobeelii nageenyaa bara Faranjootaa 2019f koree badhaasaan filatamanii turan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015