Ummattoota Gidduutti Jaallalli, Wal Kabajuu fi Aadaan Waliin Jiraachuu Akka Dagaaguuf Hojjechuun Ga’ee Qaama Hundaa Ta’uu Qaba

111

Finfinnee Sadaasa 29/2012 (TOI) –Saboota, sablamoota fi ummattoota gidduutti jaalalli, wal kabajuu fi aadaan waliin jirachuu akka dagaaguuf hojjechuun ga’ee qaama hundaa ta’uu qaba jedhan itti aanaan prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Ayyaanni Saboota, sablamoota fi ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa qopheessummaa naannoo Oromiyaatiin magaalaa Finfinnee Istaadiyeemii Finfinneetti haala nagaan kabajameera.  

Ayyaanni kun magaalaa gudditti naannoo Oromiyaa Finfinneetti kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa jedhaniiru.

Wayituma kana haasaa kan taasisan itti aanaan Prezdaantii mootumma naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdisaa "Ammaan booda tokko roorrisaa tokko ammoo roorrifamaa ta’uun hin danda’amu " jedhaniiru.  

Sabaa fi sablamoota, ummattoota gidduutti jaalalli, wal kabajuu fi aadaan waliin jiraachuu akka dagaaguuf hojjechuun ga’ee qaama hundaa ta’uu akka qabus ibsaniiru.

Qabsoo hadhaawaa gaggeeffameen waggaa tokko dura jijjiirrama argame itti fufsiisuuf walqixummaa fi bilisummaa hundee gadi fageeffate uumuuf karaa heeraa fi seeraa qofaan rakkoolee mul’atan furuuf yaa hojjennu jechuunis himaniiru.

Sirna kabaja ayyaana sabaa fi sablamoota fi ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa kana irratti af yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Keeriyaa Ibraahiim, prezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, itti aanaan muummee ministira FDRI obbo Dammaqaa Makoonnan, prezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa FDRI Ma'aazaa Ashannaafii, af’yaa’iiwwan manneen maree naannolee, aanga’oonni mootummaa olaanoon, abbootiin Gadaa, hoggansi amantii fi bakka buutonni sabaa fi sablamootaa argamaniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015