Mootummaan Naannoo Oromiyaa Naannoleef kennaa Kenne

59

Sadaasa 29/2012 /TOI/ - Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannoleef kennaa arjoomeera. 

Kennaan kun kan laatame kabaja guyyaa Sabootaa, Sab-lammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 14ffaa Qopheessummaa Oromiyaatiin magaalaa Finfinneetti wayita kabajamedha.

Kennaan Sirna kanarratti naannooleef kenname kun bakka hawata turizimii naannoon Oromiyaa qabu suuraa Jeedala Baddaa Baalee fi Fincaa'aa Soor akka ta'e ibsameera.  

Akkuma aadaa Oromootti sirna ayyaana yeroo 14ffaa guyyoota Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa qopheessee jira.

Kenna kana naannoolee saddeetii kan kennan Pirezidaanti Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Loomii Badhoo waliin ta'uuni.

Bara dhufu Ayyaana guyyaa Saboota fi Sablammoota kan qopheessu magaalaa Dirree Dhawaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015