Qabsoon Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattootaa Itiyoophiyaa Hundi Walqixa Keessa Jiraatu Uumuudha--- Muummee Ministiraa

52

Sadaasa 28/2012(TOI) – Qabsoon sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa hundi walqixa itti ta’an uumuu akka ta’e ministirri muummee Abiyyi Ahimad yaa’ii guyyaa sabaa fi sablammootaa kabajuuf qophaa’erratti dubbii taasisaniin ibsaniiru.

“Demokiraasii diriirsuun hojii salphaa miti. Jalqabbiinsaa amma fedheyyuu rakkisaa ta’us, garasitti deemuun firiidhaan nama ga’a. Imala gara badhaadhinaatti taasifnuun walkabajuun, waldanda’uun fi obsa yoo godhanne firiiwwan kanneen ni harkatti ni galfanna”jechuudhaan ibsuusaanii odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa arganne ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015