Ayyaanni Baranaa Hariiroo Fi Dhuudhaa Seenaqabeessa Waliin Jireenya Ummattootaa Olkaasuudhaan Kabajama

147

Sadaasa 27/2012 (TOI) – Ayyaanni Saba, Sablammootaa fi ummattootaa hariiroo seenaqabeessa sabaa fi sab lammootaa fi duudhaa waliin jireenyaa olkaasuudhaan akka kabajamu Afyaa’iin Caffee Oromiyaa dubbatan.

Guyyaa Saba, sablammootaa fi ummattootaa 14ffaa irratti hirmaachuuf bakka bu’oonni naannolee hundaa Finfinnee dhufaniiru.

Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Loomii Badhoo qophii ayyaanichaa ilaalchisuun TOItti akka himanitti, ayyaanni sabaa fi saba, sablammootaa fi ummattootaa baranaa seenaa ummattoonni nagana waliin jiraachaa turanii haala agarsiisuun kabajama.

Hunduu yeroo dheeraaf saba isaa qofa olkaasee mul’isuudhaan dhuudhaa waliin jireenyaa ummataa xiqqeessee wal kabajuu fi waldhaggeeffachuu balleeseera jedhaniiru.

“Sababa Kanaan Itiyoophiyaa ijaaruu barbaannu, biyya walkabajuu fi waldanda’aan keessa jiraachuun danda’amu uumuu hin dandeenye”jedhaniiru.

Ayyaana barana kabajabu irratti daa’imman sabaa fi sablammoota addaddaarraa walittitti baba’an fi duudhaa waliin jireenyaa ummataa calaqqisiisan kuma 1 fi 700 qophii addaddaa ni agarsiisu jedhaniiru.

Waraqaaleen qorannoo duudhaa ummattoonni walkabajaa fi waldanda’uun jiraachaa tura agarsiisan kan itti dhihaatan simpooziyeemiin akkasumas daldallii fi baazaariin akka dhihaatan eeraniiru.

Kana malees duudhaa waldanda’uun jiraachuu kan calaqqisiisu barreeffamoonni sirna Gadaa agarsiisan akka dhihaatan dabalanii ibsaniiru.

Ayyaana kanarratti naannolee addaddaarraa kan dhufan namoonni kuma 40 ta’an akka hirmaatan eeraniiru.

Ayyaanni kun milkiin akka xumuramu qaamolee nagaa waliin itti xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jirus himaniiru.

Ayyaanni saba, sablammootaa fi ummattootaa 14ffaa kun olaantummaan seeraa akka kabajamu, sirni federaalaa cimee akka itti fufu, jijjiiramni jalqabame itti fufsiisuuf waadaan kan itti galamudha jedhaniiru.

Ayyaanni baranaa mata duree” Heerri mootummaa keenya nageenya wwaaraaf” jedhuun kabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015