Ka’umsi Riifoormii Paartii Badhaadhinaa Faayidaa Fi Fedhii Ummataa Eegsisuudha -Obbo Shimallis Abdiisaa

93

Sadaasa 27/2012(TOI) – Ka’umsi riifoormii paartii badhaadhinaa fedhii ummataa galmaan ga’uu fi faayidaasaa eegsisuuf akka ta’e pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Hoggantoonni olaanoo fi jiddugaleessaa ODP danbii, sagantaa fi kaayoo paartichaarratti hubannoo uumuuf waltajjini qophaa’e har’a magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti eegalameera.

Obbo shimallis Abdiisaa waltajjicharratti akka ibsanitti, sagantaa fi kaayoonn galmichaa fedhii misoomuu, mirgaa fi fayyadamummaa walqixxummaa ummataarratti kan hundaa’edha.

Akkaataa deemamaa tureen fedhii fi faayidaalee Oromoos ta’e ummattoota biro deebisuun akka hin danda’amne hubachiisaniiru.

Waggoota 27 darban karaa faallaa heera mootummaa ta’een adeemsi sagalee heddootaa ukkaamsee fi  olaantummaa muraasotaa mirkaneesse akka ture dubbataniiru.

Obbo Shimallis akka jedhanitti riifoormii fi walitti makamuun paartilee kan barbaachiseef fedhii ummataa milkeessuu fi faayidaasaa eegsisuufi.

“Kaayoo fi sagantaan paartii badhaadhinaa sirni federaalaa sabdaneessaa bu’ura cimaarra akka dhaabatuu fi biyyattiitti demokiraasiin akka dagaagu dandeessisuufi malee yoomiyyuu duubatti kan deebi’u miti” jedhaniiru.

Waggoota 27 darban qofaa labsiiwwan walabummaa fi aangoo naannolee faallessan 29 mootummaa federaalaatiin ba’anii hojiirra akka oolan eeraniiru.

Paartiin haaraan naannoleen hiree ofii ofiin akka murteeffatan akka bulchan kan taasisu federaalizimii dhugaa akka hojiirra oolchan kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsa obbo Shimallisitti kaayoo fi sagantaa eenyummaan  aadaa, fi afaan sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa caalaatti kan itti badhaadhuu ifatti kan kaa’edha.

Gaaffilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa ummataa deebisuu dadhabee dhaabatee kan hafe yaadama warraaqsi demokiraasii dhabamsiisuudhaan paartii haaraa yadama yeroon gaafatu maddisiisuu fi tarkaanfachiisuu danda’u hundeessuun akka barbaachise hubachiisaniiru.

Kaayoon waltajjii kanaa danbii, sagantaa fi kaayoowwan paartichaa fi walii gala riifoormicha irratti hoggantoonni olaanoo fi giddu galeessaa beekumsaa fi hubannoo ifa ta’e akka qabaatan gochuuf akka ta’e kan ibsan ammoo itti gaafatamaa waajjira badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaati.

Itti fufuunis waltajjiin kun sadarkaa godinaatii amma gandaatti akka adeemsifamu beeksisaniiru.

 “Walitti makamuun kun kan barbaachiseef federaalizimii dhugaa ijaaruudhaan mootummaa hirmaachisaa fi hammataa ta’e ijaaruufi” kan jedhan obbo Fiqaaduun kunis addichi haalaa amma irra jiruu fi sagantaasaa duraatiin biyyattii itti fufsiisuu waan hin dandeenyeef akka ta’e hubachiisaniiru.

Paartiin haaraan hundeeffamu  gaaffilee ummattootaa  hedduu ta’an akkaataa bu’urarraa deebisuu dandeessisuun ikan jaaramdha.

Hoggantoonni naannoo Oromiyaa godinaalee fi bulchiinsota magaalaa 20 irraa walitti baba’an 2000 ol ta’an waltajjii guyyoota afuriif turu kana irratti ni hirmaatu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015