Hospitaala Ficheetti Tajaajila Barbaachisa Argachaa Hin Jirru --- Fayyadamtoota

72

Sadaasa 26/2012 (TOI) – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti kan argamu Hospitaalli Fichee tajaajila yaalaa barbaachisaa argachaa akka hin jirree fi ogeeyyotaan dararamaa akka jiran yaalamtoonni beeksisan.

Yaalamtoota keessaa namoonni kaleessa yaada kennan akka jedhanitti yaala barbaacha gara hoospitaala kanaa wayita dhufan meeshaan yaalaa, qorichii fi ogeessi hin jiru sababa jechuun tajaajila akka hin arganne dubbataniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa aanaa Giraar Jaarsoo ganda Silmii  kan jiraatan Adde Adde Jamiila Abdataa meeshaan gosa dhiigaa ittiin qoratamu hin jiru sababa jedhuun yaala osoo hin argatiin turuu isaanii dubbataniiru.

Magaalaa Fichee ganda 03 kan jiraatan obbo Iyyaasuu Ababaawu gamasaaniitiin qoricha ajajamuuf faarmaasii hoospitaalichaatii waan hin argamneef faarmaasii dhuunfaarraa gatii guddaadhaan bituuf akka dirqaman dubbataniiru.

Rakkoon hospitaalicha keessatti mul’atu rakkoo qorichaa qofa osoo hin ta’iin  tajaajilli hojjettoonnii fi ogeeyyonni hospitaalichaa kennan quubsaa akka hin taane eeranii, rakkoo kata itti gaafatamtootaaf dhiheessanis furmaata akka hin arganne hubachiisaniiru.

Hospitaalichatti da’umsaaf hordoffii taasisaa kan jran adde Immabeet Alaamirroo narsoonni kunuunsaa fi odeeffannoo  barbaachisu akka hin kennineef komatanii, namni hordofee isaan sirreessu waan hin jirreef namoota yaalaaf dhufan akka gidirsan dubbataniiru.

Meedikaal daarektariin hospitaalichaa Dr. Warqinaa Kurree dhimma kana gaafatamanii deebii kennaniin rakkooleen jedhaman amma tokko akka jiran eeranii, keessumaa meeshaan dhiigni ittiin qoratamuu fi maashiniin dhukkubsattoota ciminaan dhukkubsatan ittiin yaalaman waan hin jirreef dhukkubsattoota hedduuf rifariin akka barreeffamuuf  hubachiisaniiru.

Rakkoo kana furuuf biiroo fayyaa Oromiyaa fi dhaabbata mit mootummaa waliin dubbachaa akka jiran ibsanii, yeroo dhihootti maashina kana dhaabanii tajaajila kennuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Komii dhukkubsattootaa bu’uureffachuun qofa osoo hin ta’iin hoospitaalichi hojmaata isaatiin hojjettootaa fi ogeeyyota akka to’atuu fi rakkoon yoo jiraate haalli hojmaatasaa itti fooyyessu ni mijata jedhaniiru.

Qorichi hospitaalicha yoo hin jiraanneen ala osoo qorichi jiruu alaa bitaa haalli itti jedhamu akka hin jirre eeraniiru.

Waajjira fayyaa godinichaatti dursan garee hordoffii dhaabbilee fayyaa obbo Habtaamuu Addunyaa akka jedhanitti hojjettoonni tokko tokko kaayyoo dhoksaa qabatanii tajaajilamtoota kan gidirsan irratti beekameera.

Kana dhabamsiisuuf haala tajaajila kenniinsaa fi bulchiinsa gaarii irratti hundinuu kan itti hirmaatu leenjii fi jijjiiramni gurmaa’insaa akka taasifamu dubbataniiru.

Hospitaalli Fichee waggaa 22 dura guyyaatti namoota 30-40 akka keessummeessu taasifamee kan hunda’e yoo ta’u, baay’ina namaarraa kan ka’e guyyaatti namoota 100 ta’an keessummeessaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015