Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti Carraan Hojii Dargaggootaaf Uumamu Cimee Itti Fufuu Qaba

98

Dirree Dhawaa Sadaasa 26/2012 /TOI/ - Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti carraan hojii dargaggootaaf ummamu cimee itti fufuu akka qabu dargaggoonni magaalichaa gaafatan.

Bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti sirni cufiinsa hojii tola ooltummaa ganna darbe adeemsifame gaggeeffamee jira.

Dargaggoonni wayita kana yaada isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf kennan akka jedhanitti bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaatti carraan hojii dargaggoottaaf uumamaa jiru hanga yaadame akka hin taane dubbataniiru.

Dargaggoon Saaladdiin Alii akka jedhetti hojii nageenya busuu magaalaa kana keessatti adeemsifamaa jiru deeggaraa hojjechaa kan jiru ta'uu himeera.

"Hokkorri bara kana magaalaa kana keessatti gaggeeffame sababni isaa hojii dhabuu dargaggoota magaalaa keenyaa waan ta’eef bulchiinsi magaalichaa Xiyyeeffannoo addaa kennuu qaba " jedheera.

Dargaggoo Naardoos Geetaahuun gama isaan aanga'oonni mootummaa dargaggoota mariisisuu kan qaban yeroo rakkoon ummame qofa ta'uu hin qabu jechuun dubbateera.

Bulchiinsi magaalichaas nageenya magaalichaa eeguu cinaatti dargaggootaafis carraa hojii uumuu qabu jechuun yaada isaa kenneera.

"Carraan hojii akka ummamuuf dargaggoonni yeroo hedduu gaafannee jirra, qaama mootummaa irraa deebiin nuuf kennamaa jiru garuu qubsaa miti" jechuun yaada isaa kan kenne immoo dargaggoo Amiir Mohaamadidha.

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa wal ga'ii isaa Sadaasa 11 bara 2012 adeemsiseen carraa hojii waajjiraalee mootummaa keessa jiran dargaggoonni yunivarsiitii adda addaa irraa eebbifamanii hojii malee taa'an akka itti galaniif murteessuun isaa beekameera.

Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa waajjira Paapliik Sarviisii magaalaa irraa akka hubatetti carraan hojii namoota 440 simachuu danda'u kan jiru ta'uu ragaa ba'eera.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015