Burundiitti Lafti Sigigaatee Yoo Xinnaate Namoonni 24 Du’an

104

Sadaasa 26/2012 (TOI) – Burundii Lixaa bulchiinsa Baabiitookeekitti kan argamtu aanaa Mugiinaatti bokkaa cimaa roobeen lafti sigigaatee yoo xinnaate namoonni 24 akka du’an ‘BBC’n gabaaseera.

Dubbii himaan ministira nageenyaa Burundii Piyeer Nikurikiyee sababa sigigaachuu lafaatiin manneen diigamanii hojiileen lubbuu baraarsuu itti fufuusaanii dubbataniiru.

Akka ‘BBC’n gabaasetti bokkaan cimaan robe lafti sigigaatee manneen diigamanii awwaalamaniiru.

Reeff awwaalame baafamaa akka jiru anga’aan eenyummaansaa akka hin himamne kan barbaadu Rooyitarsiif himuusaa wabeeffachuudhaan ‘BBC’n gabaaseera.

Bokkaan cimaan naannawa tabbaatti wayita roobu lafti akka sigigaatu akka taasisu ‘SOS’ Burundiin odeeffateera.

Bokkaan cimaan osoo hin eegamiin Afriikaa bahaatti robe lolaa waan uumeef Keeniyaa fi Ugaandaatti yoo xinnaate lubbuu namoota 130 akka galaafate ‘BBC’n gabaaseera.

Obomboleettiin Paawaan jedhamu dhuma torbee kanaa qarqara galaana Somaaleetti dhihaachaa akka jiru ‘BBC’ gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015