Magaalaa Naqamteetti Ayyaanni Sabaa fi Sablammootaa Kabajame

56

Naqamtee Sadaasa 25/2012 /TOI/ - Godina Wallaggaa bahaa magaalaa Naqamteetti ayyaanni sabaa fi sablammootaa kabajame.

Ayyaanni kun kabajamuun sirna Federaalizimii fi tokkummaa ummataa kan jabeessudha jedhan hirmaattonni yaada isaanii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf kennan.

Ayyaana kana sababeeffachuun marii gaggeeffame irratti argamuun yaada kan kennan barsiisaan Yunivarsiitii Wallaggaa gargaaraan Piroofeesaraa Gammadaa Fiqaaduu akka jedhanitti Ayyaanni kun kan wal danda'uu, wal kabajuu, kan wal jaalachuu fi sirni Dimokraasii kan ittiin dagaagu dha jedhaniiru.

Dablataanis sabaa fi sablammoonni biyyattii qooqa, aadaa fi dhuudhaa isaanii kan ittiin beeksisanidhas jedhaniiru.

Jiraataan magaalaa Naqamtee obbo Maamoo Kitilaa akka jedhanitti Ayyaanni sabaa fi sablammootaa bara kana kabajamu kan yeroo biraa irraa adda dha jedhaniiru.

Kunis biyyattiitti paartiileen garaa garaa gara paartii walitti makamuutti dhufuun isaanii waan adda isa taasisu keessaa tokko dha jechuun himaniiru.

Kabajamuun Ayyaana kanaas biyyattiin tokkummaan daran akka cimtuuf kan gargaarudhas jedhaniiru.

"Kabajamuun ayyaana kanaa sirni Dimokraasii fi sirni federaalizimii kana caalaa akka dagaaguuf ni fayyada " kan jedhan immoo obbo Tasammaa mul’ataati.

Af yaa'iin magaalaa Naqamtee adde Saadiyaa Ahimad akka jedhanitti jijjiramni eegalame galma akka ga'uuf ayyaana kana kabajuun barbaachisaa dha jechuun TOIf ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015